Ayyaanni Irreecha Arfaasaa Australia, Melbourne, gaara Dandenong irratti kabajame

Kaleessa, Dilbata, Waxabajjii 23,2024 Ayyaana Irreecha Arfaasaa Australia, Melbourne, gaara Dandenong jedhamu irratti kabajachaa oolle. Guyyaan rooba waan hin qabneef hedduu gaarii ture.

Ayyaana Irreechaa kana irratti hawaasti keenya argaman Ijoolleen guddattoonni Oromoo uffannaa aadaa Oromoon faayaman uffatanii hirmaatan walitti dhufan yeroo waliin xabatan arguun nama gammachiisa. Guyyaa milkaa’aa ture.

Ayyaanichi akkuma aadaa Oromootti Eebba angafootaan jalqabame. Qabiyyeen eebicha milkii fi badhaadhina hawaasaa fi biyyaa kan hawwatu ture.

Dhaamsoti darbanis nagaa fi magariisti hundee qabu akka jiraatu Waaqa nu gargaare kan galeeffate ture.

Ayyaanni Irreecha Arfaasaa ayyana galateeffannaa waggaatti yeroo arfaasaa kabajamuu dha. Waaqayyo yeroo bona keessa nagaan nu dabarsee gannaan nu gahe kan itti galateeffatanii dha. Ganna fuuldura jirus nagaan akka isaan dabarsu waaqaan kadhatu.

Hawaasti Oromoon nama isaanii, Dhaabasaa Waaqjiraa, aadaa Oromoo guddisuu irratti hedduu hojjachaa turee fi hawaasa gargaaraa ture, dhukkubsatee ture wayyaa’ee waan isaan gidduutti argameef Waaqayyoon galateeffatanii gammachuu isaanii ibsanii jiru.

Ayyaanichi akkuma saganteeffametti milkiin xumurame.

Waaree boodas mana Dhaabasaatti walgahuun BBQ kan aadeffatan yoo ta’u, yeroo sanatti calaqqee hirmaannaan hawaasa waljajjabeessu irratti qabu wal yaadachiisanii jiru.

Qophii gammachiisaa, barsiisaa fi hamalchiisaa kana qopheessuu keessatti kanneen hirmaatan martis galateeffamaniiru.

Yaadannoon hedduu nama mararuu fi bashannansiisu, hedduus nama boochisu waliif qoodameera.

Yaadannoon ayyaana Irreechaas milkii, gaarummaa fi gammachuun bakka tokkotti waloon kabajamee darbe. Suuraan yaadannoon karaa hedduu waliif qoodamee jira.

Be the first to comment on "Ayyaanni Irreecha Arfaasaa Australia, Melbourne, gaara Dandenong irratti kabajame"

Leave a comment

Your email address will not be published.


*