Hawaasti Oromoo Australia Ayyaana Irreecha Arfaasaa kabajatan

(Waaqeffannaa, 12 Waxabajjii 2022) Hawaasti Oromoo Australia Melbourne ayyaana Irreecha Arfaasaa bara kanaa Dilbata, Waxabajjii 12 bara 2022, haala hoo’aa fi miidhagaan kabajatan.

Ayyaanni Tulluu bakka Kokoda Memorial Park jedhamu irratti kabajame kun, akkum aadaa Oromootti eebba angafootaan eegalame. Angafoonnis hirmaatota ayyaanichaa eebbisuun, Waaqni Uumama maraaf nagaa fi araara akka buusu kadhannaa godhan.

Ayyaana Irreecha Arfaasaa kana irratti dhaloota ayyaana Irreechaa jiraachisuuf, keessattuu bara 2016 dhumaatii Irreechaa Harsadii irratti wareegamaniif yaadannoo godhaniiru.

Sirnicha irratti akka ibsametti, Ayyaanni Irreecha Arfaasa kun baroota lamaan darban sababa COVID-19 addaan cite ture. Yeroo sanatti, immoo afuurri ayyaanicha akka hin badneef, sadarkaa maatiitti akka kabajamu godhamuu qindeessitoonni himanii jiru.

Barana haalli waan jijjirameef, hawaastni bakka tokkotti dhufee ayyaanicha kabajuun hedduu gammachiisaa ta’uu hirmamtonnis dubbataniiru.

Ayyaana kana irratti ummanni seerota fi qajeelfamoota karaa mootummaa bahan  hordofuun akka balaa COVID fi qufaa irraa ofii fi maatii isaanii eegan dhaamsi darbeera.

Irreecha Arfaasaa maal?

Irreechi Arfaasaa ayyaana galateeffannaa Oromoo kan waggaa waggaan al tokko xumura yeroo gogiinsaafi jalqabbii yeroo roobaa keessa kabajamuu dha.

Sirnichi eebbaa fi ogummaa jaarsoliif kabajaa ni qaba; hambaa kunuunsuu, madaalli guddina dhala namaa fi eegumsa naannoo waloomsuuf ni gargaara.

Ayyaanni Irreecha Arfaasaa fiixee gaarren, tulluu fi lafa olka’aa biroo irratti kabajama. Sababiin isaas lafti kun gatii jireenyaa fi uumamaa bakka bu’a jedhanii waan amananiif.

Akkasumas, ayyaana kana irratti angafoota aadaa fi seenaa Oromoo jiraachisuuf obsaa fi kutannoo agarsiisaniif – injifannoo hawaasummaa dabalataaf karaa saaquu –galateeffannaan ni godhamaaf.

Ayyaanni Irreecha Arfaasdaa aadaa, seenaa fi uumama Oromoo miidhagsuu yeroo bonni xumuramuuf jedhu yookaan yeroo ganni seenuuf haala adda ta’een kabaju.

Kaayyoo fi Hiika Irreechaa

Irreechi guyyaa galateeffannaa Oromoo ti. Ayyaanni Irreechaa waggaatti yeroo lama: Irreechaa Malkaa fi Irreechaa Tulluu, gamtaadhaan kabajama.

Ayyaanni Irreechaa mata duree aadaa fi eenyummaa irratti kan xiyyeeffatu waan ta’eef, miseensota hawaasaa duudhaa isaanii beeksisuudhaaf gargaara. Ayyaana kanarratti jaarsoliin seera, safuu, duudhaa, seenaa fi muuxannoo isaanii hawaasaaf qooduun, tokkummaa maatii fi hawaasaa eeguuf unkaalee jireenya kaa’u. Sirnichi eebbaa fi ogummaa jaarsolii kabajuu, hambaa kunuunsuu fi guddina dhala namaa madaaluuf gahee guddaa qaba.

Guyyaa kana namoonni fiixee gaara irratti yookaan qarqara Malkaatti walitti qabamanii Waaqa isaanii hundumaa danda’u galateeffatu; ammaa fi egereef immoo Araaraa, Nagaa, Walooma fi Finnaa (Misooma Waliigalaa) akka isaaniif baay’isuuf ni kadhatu.

Irreechaan duudhaa ayyaana gaarii kan Oromoon Uumaa kabajuu fi galateeffachuuf tolfatee dha.

Faayidaan Ayyaana Irrecha maal?

Ayyaanni Irreechaa yeroo ummanni walitti dhufee gammachuun Waaqa galateefaftu. Kun immoo akka dhalli namaa yaaddoo guyyuu, dhiphuu fi jeequmsa keessaa bahee ayyaan gaarii waliin dabarsu godha; guyyaa tokkoofis ta’u, dhiphuu fi yaaddoo hunda dagannee jireenyaa gaarii kabajuuf carraa nuuf kennan; guyyoota muraasaaf yoo ta’ellee, gara jiruu nagaa qabu jiraachuutti dhufna.

Ayyaana akka Irrechaa kabajuun dhiphina karaa adda addaa nutti jiru nurraa hir’isa. Kana malees, Ayyaana gaarii nuuf baay’isa; miirota nu laaffisan immoo nurraa xiqqeessa.

Akkasumas ayyaanni Irreechaa wal-dhabdee namoota gidduu jiru hir’isuuf carraa nuuf kenna. Yeroo kanatti, hiriyootaa fi firoota adda ba’an walitti deebisee araarsuufi hariiroo jaalalaatiin walitti fiduuf nu gargaara.

Irreechaa fi COVID

Ayyaanni Irreechaa ayyaana gamtaan walitti bahanii kabajatanii dha. Haata’uutii, yeroo COVID babal’ate keessa gamtaan walitti dhufuun dhukkibicha daran babal’isa. Sababa Kanaan yeroo COVID keessa Ayyaanni Irreechaa akka addaatti kabajamuu eegale. Bakka seerri walitti qabama hawaasaa dhorkutti, ayyaanicha sadarkaa maatii qofaatti kabajuun dirqama ture.

Hawaasti Oromoo biyya Australia keessa jiraatan, fakkeenyaaf, waggoota lamaan darban ayyaanicha sadarkaa maatiitti kabajachaa turan; haala kabaja ayyaanichaa immoo karaa Zoom walitti dhufanii yaada walifi dabarsaa, suuraalee ayyaanicha akan sadarkaa maattiii gagggeefaftan waliif qoodaa fi miidiyaa hawaasaa irratti walifi qoodaa turan. Bakka seerri akka namootni muraasti walitti dhufan hayyametti immoo hawaasa lakkoofsa xiqqaa ta’an walitti dhufanii kabajachaa darban.

Seenaa Duubbee

Ummanni Oromoo Irreechaa Waaqaa galateeffachuu qofaaf osoo hin taane, yeroo qorraa kan roobaan waliin walqabate simachuuf kabaju. Ayyaana Irreechaa irratti hiriyyoonni, maatiin, firoottan walitti qabamanii gammachuu ayayaneffatu. Ayyaanni Irreechaa namoota walitti dhiheessuun, gamtaa hawaasummaa ni uuma. Aadaan kun baroota hdeeraaf kan itti fufee kabajamaa jiruu dha.

Afoola Oromoo irra akka hubatamutti, ummanni Oromoo yeroo Arfaasaa ayyaana gaariin kabajuu kan eegalan, xumura waqtii gogiinsa, kan Bona jedhamuun beekamu gaggeessuf, akkasumas yeroo roobaa, kan Ganna jedhamuun beekamu simachuuf ture.

Angafoonni Oromoo akka himanitti, ayyaanni kun, bara Gadaa Melbaa keessaa hundeeffame.  Ayyaanni Irrecha Arfaasaa kun bara ammayyaa kanattis, guyyaa galateeffannaa yeroo qorraa, yookaan Ayyaana Tulluu jedhamee beekama. Irreechi waggoota 6400 oliif ummata Oromoo biratti kabajamaa tureera.

Be the first to comment on "Hawaasti Oromoo Australia Ayyaana Irreecha Arfaasaa kabajatan"

Leave a comment

Your email address will not be published.


*