Seenaa, Tumaafi Aadaa Gumii Gaayoo

??????????

By Gumii Surichoo Layee

Oromoon Booranaa jiruufi jireennasaa keessatti rakkoo itti dhufe furachuuf aadaasaa kunuunsuuf gaaddisatti bahee mari’ata. Mariin kunis kaayyoofi galma sadarkaaf fulaa itti mari’atan qaba.

Mariin Booranaa kun waan tolchaniif (mari’ataniif) qaba malee, waan fedhanii tolchan ykn ammoo jibbanii dhiisaniiniti.

Boorana biratti mariin namni beekaafi qajeelaa hedduun bakka jiruu aadaafi seera walbarsiisuuf, rakkina uummatatti dhufte ittiin furachuuf walitti dhufan kun Gumii jedhamee beekama.

Gumiin Booranaa kun kan teessuuf seera aadaafi akkaataa ummata tissan ittimari’achuuf malee waan hamtuu akka waraanaa gumiidhaan hinmari’atan.

Gumiin Booranaa kun baay’ina ummata hirmaatuu fi bal’ina lafaarratti hundaa’uun waantota adda addaatiif waamaman hedduutu jira. Fakkeenyaaf:

 Gumii Gaayoo

 Gumii Simphira Balalii

 Gumii Eeldalloo

 Gumii Surichoo Layee fa’i.

Gumiileen kunneen waantota garaagaraatiif yeroo adda addaatti yoo teessu, galmi Gumiin taa’aniif garuu tokkuma. Barreeffama kana keessatti seenaafi aadaa Gumii Gaayootu dhiyaata.

Gumiin Gaayoo Maali?

Gumiin Gaayoo Gumiilee Booranaa hedduu jiran keessaa kan seera aadaa Booranaa ittikaawwatan, barsiisaniifi hayyoota ittimadaalaniidha.

Gaayoo ardaa jilaa Waaqi Wayyoomsee gumii ittiwaame waan ta’eef Gumii cufaafuu hangafa jedha Booranni. Sababni kana jedhameefis Gaayoo lafa dur Waaqi Gumii ittiwaamee seera Booranaa itti eebbisee waan akka aadaa itti kenneef akkasumas Gaayootti gumiin nama qajeelaa keeyyattee Booranaa lallabama.

Gama biraatiin waan cufaa aadaafi dhugaatu angafa waan jedhaniif aadaan Gaayootti aadessan cufti angafa aadaati jedha Booranni.

Seerri Gumii Gaayoo ka ardaa jilaa Gaayootti gumiin nama qajeelaa kaawwatee lallabame kun ummata biratti akka qaama aadaa Booranaatti waan ilaalamuuf, aadaafi seera walfakkaataan bula.

Gumiin Gaayoo yoom jalqabame?

Gumiin Gaayoo marroo (yeroo) jalqabaatiif bara Gadaa Daawwee Gobboo teette jedhama. Daawwee Gobboo gosa Qarcabduu Buuyyamaa yoo ta’u, barri Gadoomasaa bara 1696-1704 jidduu ture.

Maqbaasii lubaa Daawwee Gobboo Daraara, gogeessi hangafaa ykn 1fa “Loolloyi”.

Ardaan Gaayoo lafa Booranaa keessaa Ardaa jilaa Waaqi Wayyoomse kan duraa yoo ta’u, Gumiin qaraa (duraa) Gaayootti walitti dhufte, Gumii Gadaan yaamte adoo hinta’in, Gumii Waaqi yaame.

Waaqi Gumiisaa Gaayootti waamee ka ammallee Booranni ittiin bulu kana yoo barsiisu, Booranni Waayyooma Gaayoo akka aadaatti ilaala. Kana kan dhugoomsu Booranni eegii Gosee Gogeessaan bulee sirni Gadaa jalqabee, keessumaa bara Gogeessa Shanan Booranaa namni tokko Baallii fuudhee jiltisaa ta duraafi Yuubomuun “Dullacha Gaayooti”. Kun kan ta’eef seenaan Gumii Gaayoo ka Gadaan Booranaa yaamtee seera bifa haaraan keeyyatan bara Gadaa Daawwee Gobbooti.

Asirratti Gadaa Daawwee Gobboo ta Gumiin Gaayoo qaraa teette haa jedhan malee Booranni Gumiiwwan guguddoo qaraa hedduu qabaachuunsaa hubatameera.

Daawwee Gobboo Gumii Gaayoo Maaliif teessise?

Abbaa Gadaa Daawwee Gobboo sababiin Gumii teessiseef inni duraa Gorsa Abbaa Gadaa Abbayii Baabboo gorsaniidha.

Abbaa Gadaa Abbayii Baabboo nama dhageettaafi Asaasa Waaqaa qaba jedhan waan ta’eef, bara ilmaansaa ka Gadooma Daawwee Gobboo Booranni aadaa didee Daawwee rakkannaan waan akka haaromsa aadaa fakkaataa kan akka Luboomaa, Sooriyoofi Gumii Gaayoo gorse.

Abbaa Gadaa Daawwee Gobboo tanarraa ka’ee, Gumii Gaayoo ta seeraafi aadaa itti Boorana barsiisan ardaa jilaa beekamaa duri Waaqi waan hedduu itti Booranaa kennetti, Boorana waamee seeraafi aadaa ummata barsiisuun sirna Gadaa haaromse.

Haala kanaan Booranni beekaafi qajeelaa yaaman ilaalee hayyoota muraa qabanirratti murtiifi yaada akka kennuu danda’an aadaa Booranaa tolchee itti eebbifate.

Booranni Gumii Gaayoo aadaasaa keessa galchuun seerri Gumii Gaayoo seera olaanaa duraa waan ta’eef murtii Booranaa ta akka murtii Abbootii Gadaa, Hayyootaafi Aduloota ilaaltu hojiisaanii itti madaalan tolfatan.

Seerota Gumii Gaayootti kaa’aman

Akkuma gubbaarratti ibsame kaayyoon Gumiin Booranaa teessuuf aadaa barsiisuufi ummata rakkoorraa hambisuuf seerota baasuun lallabuudha.

Bara Gumii Gadaa Daawwee Gobboo Seerota kaa’an

Abbaa Gadaa Daawwee Gobboo bara Gadaasaa Gumii Gaayootti seerota kaa’an keessaa beekkamoon:

 Seera Fardaa

 Seera dhalaa/dubartii

 Seera Buusaa Gonofaa

 Seera Hayyootaa

 Seera Daawwee faan kanneen ijoodha.

Seerota bara Gumii Gadaa Boruu Madhaa darban

Bara Gumii Gadaa Boruu Madhaa Booranni akka ijoollee dubraa barsiifatu gumiin seera dabarsan. seerri kun immoo ijoollee barsiifadhaa jedha malee, seeraafi malli Booranni ijoollee ittiin barsiifatu seera sana keessatti waan hintuqaminiif namoota waan Booranni seerate sana itti gammadee ijoollee barsiifate malee, namni akkuma duriitti hafee jira.

Seerota Bara Gumii Gadaa Guyyoo Gobbaa kaa’aman

Bara Gumii Gadaa Guyyoo Gobbaa, Seeraafi aadaa Booranaa ta bara gumii Daawwee Gobboo keeyyatan ta duriifi haaraa waliin keeyyatan armaan gaditti ibsamaniiru.

1. Seera Dubartii

2. Seera Fardaa

3. Seera Hayyuufi Wayyuu-Qaalluu

4. Seera Loonii

5. Seera Hoolaa

6. Seera Harree

7. Seera Haroo fi Eelaa

8. Seera Ejjii Waamaa

9. Seera Lafaa

10. Seera Cirreessaa

11. Seera Cifirtuu

12. Seera Jallataa (Jal’ataa)

13. Seera Daawwee

14. Seera Farsoo fi Caatii

15. Seera Barnootaa

16. Seera Dhaqaanqabaa (Dhaqna qabaa)

17. Seera Bineensa Bosonaa

18. Seera Abbaa Warraa

19. Seera ykn Muraa Hayyuu

 Seerotni Gumii Gaayoo marsaa 40fa kan bara abbaa Gadaa Booranaa 70fa abbaa Guyyoo Gobbaarratti kaa’aman kunneen seerota Gumii Gaayoo marsaa 41fa kan bara abbaa Gadaa 71fa Kuraa Jaarsoo jalatti bal’inaan ibsamaniiru.

Gumii Gaayoo kan Abbaa Gadaa Kuraa Jaarsoofi seerota kaa’aman

Gumiin Gaayoo kan bara Abbaa Gadaa Booranaa 71fa Kuraa Jaarsoo marsaa 41fan Hagayya 19, bara 2012 ardaa Jilaa Gaayootti taa’uu eegalan.

Gumiin kun guyyaa ardaa eebbifatanirraa kaasanii guyyoota 16f kan taa’an yoo ta’u, guyyoota Shanan (5) jalqabaa Miiloon, guyyoota torban ittaanan Gosti dhimmoota sadarkaasaaniitti mari’atamuu qabu ni mari’atan. Guyyoota afrann dhumaa ammoo dhimmootni sadarkaa Miiloofi Gosaatti murtee hinarganne Gumiitti dhiyaatanii erga irratti mari’atamee booda murtoo argachuun Seera Booranaa ta’a. Haaluma kanaan seerotni Gumii kanaan lallabame;

1. Seera Dubartii

A. Namni dubartii dhiira hoosiftu jeeqe loon 10, kan dubara hoosiftuu jeeqe loon shan ni adabamu.

B. Namni niitii dhirsi irraa du’e biratti argame (Addeenna keessa) Loon 15 ni adabama.

C. Karaa kamiinuu namni dubartiin himatte ni adabama (dhugaan hingaafatamu) mormatee duraa hinbahu.

D. Ilmaan kormaa haga Raabomaa Qaraxisaanii baddoo (Bullukkoo). haga baallii fuutee hingadoomin.

E. Yoo waldhabbiin dhiirsaafi niitii jidduutti dhufte lichoo gama lamaanii malee walhanqisuun aadaa miti. Yoo lichoo malee wal anqisan Booranni walitti hindhiisu. himannaa yoo deemtullee yoo lichoon hindhaqin aad-maleedha.

F. Seerri Nadheenii/Dubartiin fiixee yoo nama himatte duraa bahuu hindanda’an. Gatiin isii haga rifeensa mataati. Dubartiin Waayyuu Qaalluu seerrisaanii sanumaan tokko. Yoo dubbii inaaffaa aadaa abbaan warraa qabu dubbatan.

G. Dubra kadhatanii buna kennan, yoo nami biraa duraa fuudhe, akka nama niitii namaa fudhateetii walitti hindhiisan. Namicha kadhateef deebisa. Seerri Booranaa aadaasaa qakeen loon 5.

H. Intala kadhatanii nama duraa heerumtee, waan kadhaa Bunaa-Tamboo malee wanti kaan cufti abbaa kadhateef deebiti.

I. Dubartiin ka warrisaanii hinbeekne manaa fagaachuun yakka. Fulaa deemtetti yoo rakkoon irra gahe warratu ittigaafatama. Kanaafuu Gumiin Gaayoo seertee warri jabeeffachuu qaba. Intalli durbaa eeyyama haadhaafi abbaa malee cidha, mana amantaa deemtu dhoowwa.

J. Intalli dubraa yoo namni itti jallate iyyuu qabdi. Ta hiniyyine akka hindubbanne ittigaafatamummaan kansheeti.

K. Namni kamuu akka aadaatti walfuudhu malee amantaa dawoo godhachuun Sabboofi Sabboo ykn Goonaafi Goonaa, Lubii aadaan walhinfuune walfuudhuun nama gaafachiisa “Araamuu’’dhaa waan Booranaa hinqabu. Yoo inni du’ellee hinawwaalan, badullee hinbarbaadan. Maal jennaan isatu araamuudha.

 Dubra yoo fuudhan gatiin wayaa 15. Aadaan dubartii haga fedhan fuudha

(Gumii Gaayoo Marsaa 41fa kan bara abbaa Gadaa Kuraa Jaarsoo irratti kan darbeedha )

2. Seera Fardaa

A. Namii farda leenjisaa yaabbate nama dhiira ‘Middiisomsee’ seerri inni adabamuun loon 10. Nami miila Faanoo (Faanaa) irra keeyyate seerrisaa Jibicha.

B. Nami farda kormaa bisaan/bishaan dhoowwe qakee loon soddoma.

C. Nami farda kormaa ka abbaan hinbeekne isa takaallaa qabu fuudhee karaan ykn adamoon dhaqe qakeen/adabbiinsaa loon sagaltama.

D. Fardi waan akka namaatti ilaalamuuf bisaan diqqoofi marri qa’ee ka fardaatii nama waliin dhuga. Warri farda jabeessuu dideefi rakkinasaa argee dhiise ni gaafatama. Oobruufi kaloollee farda dhoowwuu hinqabdu.

 Farda gaarii tolchuun hindanda’amu. (Gumii Gaayoo Marsaa 41fa kan bara abbaa Gadaa Kuraa Jaarsoorratti kan darbeedha )

3. Seera Hayyuufi Wayyuu-Qaalluu

A. Nami fiixeen himate yoo dhugaan ta isaa taate, nami sun qakeensaa Rifeensa mataati. Wayyuulleen Rifeensa Mataati, Qaalluun Rifeensa Mataa ta’an.

B. Hayyuun irraa gadi hafe cufaa seerrisaa loon Kudhani.

C. Qa’een gosaa seerrisaa loon kudhan. Garuu dur seerrisaanii loon shan ture. Amma wanni loon 10 godhaniif wanni jireenya gosaa hedduun akka Buusaa–Gonofaa, rakkinni iyyeessaa iyyeettii isaan waan hiikamaniif seerrisaa akka cimu taasisan.

D. Jaallabii Loon shan.

E. Torbiin tokko ka jedhuun seera keeyyatan.

4. Seera Loonii

A. Nami korma loonii hate gatiinsaa loon kudhan. Sababnisaa kormi waan loon horsiisuuf mataa horiiti seerrisaa akka guddaatti ilaalama.

B. Nami dhaltiifi rimeessa hate ykn ijjeese seerri isaa loon shan.

C. Nami sangaa korree hate seerrisaa loon 30. Sangaan korree faayaa loonii ka mul’ataa waan ta’eef nami yakka kana hojjate nama karra balleesse.

D. Nami jibicha hate gatiinsaa loon lama (raadaafi jibicha).

E. Nami raada hate gatiinsaa loon lama (raadaafi jibicha).

F. Loon gu’eessa ykn foorii warra guddaa dura hin bu’ani,nami Gu’eessa quftuma dhoowwe loon shan ni adabama. Gu’eessi cufaatuu seera sunuma qaba. Ka warra guddaa dura dabree qubatellee loon shan.

5. Seera Hoolaa

A. Nami korma hoolaa hate ykn waa tolchee irratti qaban qakeen (adabbiin ) loon 30.

B. Dhaltiifi rimeessi hoolaa qakeen loon shan.

C. Nami ruphaa hoolaa (diqqaa) ijjeese gatiin loon lama (raadaafi jibicha)

D. Nami sangaa hoolaa hate qakeen loon shan.

6. Seera Harree

A. Harreen namaa, nami harree ajjeese qakeen loon 30.

B. Seerri korma harree qakeen loon 30

C. Harreen dhaltuun qakeen loon 30

D. Harreen eeyyama abbaa malee fe’atan qakeen loon shan.

F. Yoo harree abbaan namaa ergisee sababa fe’iinsa guddaatin dudda huratte qakeen loon 5.

G. Harreen ilmee diqqoo yoo kormi yaabe qakeen loon shan.

 Hattuun loon kamiituu loon shan. (Gumii Gaayoo Marsaa 41fa kan bara abbaa Gadaa Kuraa Jaarsoo irratti kan darbeedha )

 Hattuun Gaalaa loon 10. (Gumii Gaayoo Marsaa 41fa kan bara abbaa Gadaa Kuraa Jaarsoorratti kan darbeedha )

7. Seera Haroofi Eelaa

Haroofi Eellii qabeenna Booranaati (ka Sabboo-Goonaati). Kanaafuu Gosaa, Miiloofi Konfii jedhan arcummee Eelaa dura hinbuusan. Waan kana ta’eef:

A. Nami ani abbaa eelaati jedhee Boorana dhoowwe, nama sun herregaa irraa fuudhan.

B. Hayyuufi lichoollee arcummee dura hinbuusan. Nami isaan dhoowwe herregaa irraa fuudhan.

C. Booranni durumaa haroofi eelaa walitti qaba waan ta’eef, namni kiyya jedhee Boorana dhoowwe abbummaa ykn konfii dhaba.

D. Eelli Booranaa guyyaa sadii qaba. Hayyuun lama yoo walitti qajeele, guyyaasaanii walitti hinnaqan, yoo Hayyuun sadii walitti qajeele hayyuun lama walitti aanan akkuma walangafaniin waldura dhugan.

E. Guyyaan tokko ka Konfiiti. Sunsumii guyyaa konfii sun laaga dhuga.

F. Bisaan galataa loon tokkittii qofatu qaba. garuu galata gosaan fuudhan malee Konfiin ofitti hin fuutu. Yoo gosa malee abbaan Eelaa Konfiin galata gosaa malee fuudhe Booranni walitti hindhiisu.

G.Yoo gosti tokkoo ol-qabaatan,nama ittaanutu dhuga malee abbummaan irra naanna’ee hindhugu.

H. Yoo angaftichi dursee dhugu, maaltii itti aantu ta Maandhaati. Wanni angaftittiin eelaa keenna jedhanii gosti tokko qoftii dhuddu hinjirtu. Sababnisaa angaftichi eela qotee maandhichi hintaa’u, waliin sangaa eelaa baasan waan ta’eef ykn eelaa walqixxee baasaniif waliin dhugan.

I. Akkuma Wayyuun ilmee hayyuuti jedhan “Gorora Hayyuu dhuga”, kana jechuun walittaansan malee jidduu hinseenan. Haa ta’u malee Tulaan Maala qaba waan ta’eef nami akka walangafuun Maalasaa dhuga seerri Gumii Booranaa.

J. Nami Eela hinqabnellee Booranni kanuma waliin dhuga malee, Maalaa jedhee dheebuu hingalchan.

K. Bisaan diqqoo yoo walbira dhufan Herregaatti eegee ittaana.

L. Haroo yoo bisaan diqqaatan, obaa lamaaf herregatti eegee ittaanee meerii buqqisa. Hayyuu Waayyuu waliin.

8. Seera Ejjii Waamaa

Ejjiin Waamaa gosa Boorana waliin aadaa qaban waan ta’eef Booranni Baqqalaa-Faajjii irraa fudhatu, waan ta’eef akka ummati Booranaa ummata Ejjii waliin nagaan jiraatu ka cimsu Gadaa cufayyuu seerrisaanii gumiin darba. Bara Gadaa Kuraa Jaarsoo seera Ejjii Waamaa kan abbaa Gadaa Guyyoo Gobbaa Gumiin Gaayoo jabeessitee dabarsite.

A. Ejjiin bisaanii ulfina qabdi waan ta’eef bisaan madda Booranaa (Hara-Eelaa) fuluma baateen dhugan.

B. Guyyaa baqqalaa faajjii, kaattoonsaanii jibicha.

C. Ejjiin Tulaa angafa waan ta’aniif yoo eelli kosellee, hayyuufi abbaa eelaatti biraa godaana.

D. Guyyaa Gumii Gaayoo abbaan Gadaa loon qalmaa kennaaf.

9. Seera Lafaa

Lafti Booranaa akka waliigalaatti Wayyuu waan ta’eef lufii kamuurratti hinhojjatamu.

A. Lafti Booranaa, Booranaaf kutaa hinqabdu, namuu handhuura jedhan.

B. Lafa Marraa-bisaanii nami nama dhoowwe, seerrisaa loon shan.

10. Seera Cirreessaa

A. Cirreessi Booranaa Halkaniifi guyyaa yoo yaamichi ittidhufe kamuu Booranaa deema. Kana waan ta’eef kophee qaba. Yoo yaamanii namatti dhufuu dide, lubbuu (nama akka lubbuu jiru waamanii irraa hafeetti ilaalama) qaba.

B. Yoo waamanii hindhufne, ka waan beekaniin nama irraa hinoolin, ka waan aadaasaa malee waan seeran alaa ka nama biraarraa fudhatu ta’ee dhibe aadaa Cirrummaarraa fuudhan. Qakeen kanaa mataansaa loon shan.

11. Seera Cifirtuu

Cifirtuu jechuun dubartii rifeensa mataa dubartii dhooftu ogummaa qabduun aadaa Boorana eegaa hojjachuun waan guddaa irraa eeganiidha. Kanaaf guyyaa hojiif qophoofteefi guyyaa aadaan nama hojjachiiftu hojjachuun aadaa keessa galchan.

A. Niitiin hayyuufi Waayyuu ta yaa’a Gadaa sadeen guyyaa aadaaf cibrattuufi guyyaa ogeettiin hiikkadhu jetteen mataa hiikkattee aadaan isii “Taabboon” hinbultu. Ogeettiin mataa nama hiikkachiiftee biraa deemte taabboon bulchite gatiinsii loon tokko.

B. Nami ogummaa mataa sun qabu akka aadaa ogeessaatti harkaa qabdi waan ta’eef daraaraansaanii buna-tamboofi waan tolaa malee gatii addaa waan akka hojii mataa ka baraa seera gumii kana waliin hindeemu.

12. Seera Jallataa

Booranni aadaasaatti aadaa laguu ykn safuu ta afaansaa waan hamaa ittiin lagatan, waan namni waliin jedhuufi uumama naannoosaanii jedhu, ka aadaafi laguu ummataa faallessuu hindubbatu.

A. Nami “hindhalin” namaan jedhe gatiinsaa loon 10. Maal jennaan namni jecha kana namaan jedhe, laguu ummataa cabsuu qofa osoo hinta’in ka faallaa uumaa deemu jedhan. Kana jechuun waaqi roobee waan hedduu dhala, nami dhale sanyii dabarfata.

B. Nami waldhabbii ta’ee tapha keessa haadhan walitti nama arrabse ka akka haadha maqeennessuu (raa’uu) namaan jedhe gatiin loon 10.

C. Nami nama arrabse gatiinsaa loon tokko. Garuu nami sun yoo dhiira ta’e loon sun jibicha, ka dubartii immoo raada.

13. Seera Daawwee

Lafti Booranaa tokko waan ta’eef, seera Daawwee Gumiin Gaayoo la eebbiftee kaaftee, Keeniyaa haga Bombaasaa, Itoophiyaa haga galaana Boyitti namni akka Abbootii Gadaa, Hayyuun, Wayyuun, Qaalluuf dhoowwaa hinqabdu. Aadaan Boorana Keeniyaa Itoophiyaa jedhu waan hinjirreef aadaa jilaa akka nyaachisaa walkeessa jilachuun dhoowwaa hinqabdu.

14. Seera Farsoofi Caatii

1. Nami farsoofi caatiin argame (gurgurtaafi seeraan) gatiinsaa loon shan.

2. Nami farsoo galataan fudhate akkuma nama dhugeefi gurgureetti gatiinsaa loon shan.

3. Nami dhugaatiin qaban gatiin ykn qarshiin irraa fuudhame galii gandaa ta’ee hojii misoomaatiif oola. Namni qarshii san balleesse gatiinsaa loon shan.

4. Nami awwaala namaa dhaqee dhugaatiin himan, ka biteefi dhugelleen seerrisaanii tokkuma, gatiinsaanii loon shan. Kana qofa mitii warra nami irraa du’e ka dhugaatii qopheesse sun irraa hinawwaalan.

15. Seera Barnootaa

Nami ilmaan barumsaa gahe barsiisuu dide akka nama ilmaan guddisuu dideetti ilaalama. Kanaafuu:

A. Nami ilma Gaammee ka duranaa Adulaan kajeelu cufti akka barsiisu gumiin seera waan dabarsiteef namni mucaasaa hinbarsiisin akka Adulaa hindhiyaanne ykn hinlallabne.

B. Carraa baruumsaa Ijoollee dubraa akka ka dhiiraa dhiiraan walqixxee ta’u gumiin Booranaa seera keette. Nami dubraafi dhiira walqixxee hinbarsiisin yakkaa, walitti hindhiisan.

C. Ijoolleen dubraa akka rakkoof jettee mana barumsaa keessaa hinbaane, abbaan warraa kamuu, waggaatti qarshii 20 ni baasa. Namni qarshii san baasuu dide akka harka lama baasu seerri ni tolcha.

D. Nami qarshii barumsa ijoollee dubraa sun nyaatee argan, inni nama ila namaa balleessee, seerrisaa loon kudhan.

16. Seera Dhaqna qabaa

A. Nami ijoollee dubraa dhaqaanqabaa qabee argame, seerrisaa loon tokko

B. Ijoollee Raabaa ykn Ilmaan Kormaa malee, intala dubraa ta waggaa 18 gadii akka hinheerumne ykn hinfuune. Nami osoo waggaa 18 hinguutin fuudheefi fuusise seerrisaa loon shan.

17. Seera Bineensa Bosonaa

Bineensi Bosonaa aadaa Booranaatti laguu qaba waan ta’eef ijjeesuun hindanda’amu. Kanaaf:

A. Nama bineensota Bosonaa ijjeese loon lama.

18. Seera Abbaa Warraa

Abbaan warraa nama guddaa waan ta’eef, seerrisaa ka Booranaa malee nami ofii muree buufatu hinjiru.

A. Nami kamuu ka ifiin muree buufate dubbii sun hindhaba jedhan.

B. Nami Booranni aadaan gatii mureef, adoo waan aadaa keessaa hinbaasin naa muran jedhee nami nyaate aadaa Booranaa keessatti yakka waan ta’eef itti nama gaafachiisa.

19. Seera ykn Muraa Hayyuu

Hayyuun Booranaa aadaafi Ulfina guddaa Booranarraa qaba. Boorana aadaafi Seera qabu ka dhugaafi qajeelummaan fidan, nami seera tokko cabse karaa kamiinuu ittigaafatama.

A. Muraan Hayyuu akka Aadaan ka hojiirra ooltu ta’ee caasaalee aadaa Booranaa ka eeggatu.

B. Dubbii Jaarsa–Lichoon murte haga warri hinjibbaatin homaa tolchuu hindanda’an.

C. Nami Jaarsa-Lichoon dubbii murteef, ba’aafi baachaa muraa jaarsa-lichoo hanqise dubbii sun hindhaba.

Hora Bulaa Deebanaa!

Be the first to comment on "Seenaa, Tumaafi Aadaa Gumii Gaayoo"

Leave a comment

Your email address will not be published.


*