Dhibaayyuu: Sirna Eebbaa fi Kadhannaa

Sirna Waaqeffannaa keessatti Dhibaayyuun iddoo guddaa kan qabuudha. Dhibaayyuu jechuun eebba ykn kadhannaa Waaqaa Oromoon Waaqa ofii ittiin kadhatuudha.Dhibaayyuun Oromoo garuu bakka hundatti akka tokkotti kan gaggeeffamuu miti. Dhibaayyuun Booranaa, fakkeenyaaf, kan naannoo Oromoo birootti ‘Irreechaan’ baay’ee walfakkaata.

Sirna adeemsa Dhibaayyuu Oromoo Booranaa

Dhibaayyuu

Sirni aadaa Waaqeffannaa Oromoo Booranaa, Dhawaa Dhibaayyuu, muka yaa’a eebbaa ykn kadhaa Booranaa maraa ti. Kana  waanta’eef Abboottiin Gadaa qajeelumaan yoo gooroo guutan kadhaan ykn eebbi isaanii milkaa’ina uummataaf in ta’a jedhanii amanu.

Dhibaayyuu bahuuf dursa galmi jaaramuu qaba.Jila buttee dhaabuu doorii,doorii ardaa badhaasaatti jilatame akka armaan gadiitti ibsama.
Erga jilli buttee dhaabuu jalqabamee, oolee bubbullee, sirbi guyyaa Saddeetii (8) xumuuramee dooriin bantii haaddatee booda, dhibaayyuun jalqabdi.

Guyyaa jila dhibaayyuu ganama ka’anii osoo loon moonaa hinboobbahin Abbaa korma Buttaa Buuranii itti dhaabbatan.

Buuranii jechuun mi’a aadaa kan jaarrotiin mormatti keeyyattu yoo ta’u, guyyaa kana karra loonii duratti, abbaan kormaa butumee dura taa’ee namuu buuranii qabatee dhufee itti kenna.Kennaa kanaan ‘itti dhaabatan’ jedhama.

Oromoon Booranaa kennaa kana yoo kennu; eebba, hormaataafi bultuma akkana jechuun kadhata: “buuran kormaa sitti dhaabbadhaa, kormaa goromsaan na horsiisi”!Yoojedhan, abbaan kormaa’immoo “kormaa, goromsaan horii” jedhee eebisa.Buurana kana abbaan kormaa guyyuma kana irraa eegalee mormatti hidhata.

Oromoon Booranaa wayta wal’eebbisu, “Waaqnii jaarsa morma buuranii sihaagodhu” jedhee kan wal’eebbisuf sababaa kanaafi.Maarree nutis “Jaarsa morma buuranii ta’aa” Jenna.
Korma Buttaatiifi Buttee duraan Galma keessatti dhibaafachaa turan, gara moonaa dhibaayyuutti geessu.Asirratti wanti hubatamuu qabu, moonaan dhibaayyuu itti bahan ala waanta’eefidha.

Maaliif jennaan warra keessatti namni dubbachuu danda’a ykn ijoolleen dubachuu dandeessi waanta’eef, bakka namni biraa hinjirre callisaan taa’anii qalbii tokkoon waaqa ifii kadhachuudhaafidha.

Akkasumas akka jecha Booranaatti, “Onnee qulqullittiifi Wayaa qulqulluun waaqa kadhatuu” jedhama.

Achiin booda niitiin warra dhibaayyuu bahuun foduumoonaa keessaafi foduu butumee duubaa haratti.

Abbootiin Gadaa dhibaayyuuf yoobahan, osoo loon moonaa ciisanuu, moonaa keessa bahuun butumee dura taa’ee, waan aadaan qabaachuu maltu, mi’a aadaa kan akka waddeessaa qumbii fiixeetti hidhee, dhaadhaa baafatee, wayaa aadaa qofa uffatee, fuula ila boruutti(kallattii bahaatti) deeffatee taa’ee, haadha warraa isaa eega.
Elelleen (niitiin) isaa ciicoo dhibaayyuutti aannan naqattee, dhadhaa dhirsa dhibaayyuu deemu muuddu qabattee dhuftee, dhirsaa dhadhaa muuddiif.Ciicoo dhibaayyuu dhirsatti kenniti.

Yeroo dhadhaa muuddu akkana jettee muuddi, “hoo buulensa” jettee muuddi.Innis akkana jedhee deebisa, “butteen bulaa sihin dhabin, bulee moonaa hindhabini” jedhee eebbisa.

Namni jila dhibaayyuu bahu waddeessa qabatee fiixeerratti qumbii bututtuun hidhee, ciicoo dhibaayyuu fudhatee, ruufa mormarra godhatee, qumbii biifatee niitii isaatiin karra loonii foduu haramte duratti, dhadhaan muudama.
Erga dhibaayyuun muudamtee booda namuu ciicoo’ofii fudhattee gara moonaa dhibaayyuuti sirriiqa.Yoo deeman kana warri bakka lamatti walqooda.Moonaa dhibaayyuu kanatti, dhibaayyuufi sirbillee walfaana waan deemuuf,warri hayyuufi namoottan dhibaayyuuf qoodaman gara moonaa dhibaayyuu sochoo’u.

Warroottan sirbaaf qoodaman immoo yoodhibaayyuun xumuuramtee moonaa dhibaayyuu seeneen sirba dooromaa ka’umsa duraa eegaleeti kaan sirbuu jalqaban.
Isaan hundii waleeganii ‘fororee’dhawachaa deemuu, akkana jechuun;
Hoo fororee infororee —————————————————–hoo
Fororsaan roobee————————————————————hoo
Roobee laga yaasee———————————————————-hoo
Madda gabbisee————————————————————-hoo
Maddoo arise—————————————————————-hoo
Areedaa nuu bulchee———————————————————————————–hoo
Jechuun waljalaa qabaa faarsa moonaa dhibaayyuu gahu.Yeroo achi dhaqqaban fororee faarsuu dhiisanii, namni dhibaayyuu dhufu hundii Gaangelee (qophee) yaafatee walduraa duubaan balbala moonaa dhibaayyuutti fuula deebi’ee, hayyuufi bokkuun duubaan akkaataa hangaftittiin taa’ee,akkasumas, makalii duraan walduraa duuban taa’uun muratu.

  • Dhibaayyuun moonaa dhibaayyuu duratti muratu.

Haay haay, waaqa Dooriin yaasi____________________yaasi
Doorii lubaa bulchii_______________________________________bulchi
Dubbii murteessi__________________________________________murteessi
Dheengee urgeessi________________________________________urgeessi
Collee urgeessi____________________________________________urgeessi
Waaqi robe__________________________________________________________roobe
Lafa sugeessi________________________________________________________sugeessi
Kormaa fi goromsaa horsiisi_____________________________________horsiisi
Nuu kaayoomsi_____________________________________________________kaayomsii
Akkanaan warri adulaa jedhaman walirra marsanii yoofixan,moonaa dhibaayyuu seenanii, akkaatuma jalqaba tahan kaaniin tahan.Jaarsii mana galmaa sadeen (3)n bitaan taa’uun aadaa dhibaayyuu qajeelchu.Dhibaayyuu warra waliin dhawata.
Jila butte dhaabuu Doorii kan Abbaa Gadaa kuraa Jaarsoon durfamuu, dhibaayyuun hamma kan Gadaa kaani hingeessu.Moonaa dhibaayyuu seenanii tartiibaan taa’anii ‘hoyoyyoo’jilaa qofa dhawatu.

  • Moonaa dhibaayyuu

Maaliif jennaan sadarkaa dooriitti yeroo jalqabaaf dhibaayyuun amma jalqabdi.Hamma warri keessaa baratutti dhibaayyuu salphoo dhibaafatu.Jila dhibaayyuu ‘hoyoyyoo’jilaan jalqaban.
Yoo hoyoyyoo jilaan haa_____________________________________________haa, haa, hee
Waddeessii gadaa qaraa yoo hoyoyyoo jila_______________________haa ha hee
Mataan bututtuu qabaa yoo hoyoyyoo jilaa______________________haa ha hee
Bututtuu sunittii qumbii qabaa yoo hoyoyyoo jilaa____________haa ha hee
Qumbii sunitti ilmoo qabaa yoo hoyoyyoo jilaa _______________ haa ha hee
Ilmaa intala qabaa yoo hoyoyyoo jilaa—————————–haa ha hee
Jiloon aaba naa dhaamee yoo hoyoyyoo jilaa_____________________haa ha hee
Aabba akaakuu dhaamee yoo hoyoyyoo jilaa_____________________haa ha hee
An ilma kiyyaa dhaamee yoo hoyoyyoo jilaa____________________haa ha hee
Jila hinoolline jedhaa yoo hoyoyyoo jilaa_________________________haa ha hee
Oolchaa hindhabina jedhaa yoo hoyoyyoo jilaa___________________haa ha hee

Jilaa hoo——————————————————————jilaan nadeemaa hoo
Nageennii horaa hoo—————————————————ardaan nagayaa hoo
Horiin nagayaa hoo—————————————————-dhagamsaan gobaahoo
Gadaan tun roobaa hoo———————————————-gobaafi Geerarsaa hoo
Roobaa fi nagayaa hoo————————————————ollaan nagayaa hoo
Golilleen nagayaa hoo————————————————-hoo hoyoyoo jilaa
Jiloon jila guutattee yoo hoyoyyoo jilaa__________________________haa ha hee
Aadaa jila guutattee yoo hoyoyyoo jilaa___________________________haa ha hee
Saqaa harka guutattee hoyoyyoo jilaa_______________________________haa ha hee
Ciicoo mijuu guutattee hoyoyyoo jilaa____________________________haa ha hee
Ulfaataa manxafattee hoyoyyoo jilaa——————————–haa ha hee
Ulfaan bokaayaa roobee hoyoyyoo jilaa—————————-haa he hee
Ulfaan ilmaa dhalatee hoyoyyoo jilaa——————————-haa ha hee
Uumamaan ariifadhuu hoyoyyoo jilaa——————————haa ha hee
Dhalootan fulaa gayii hoyoyyoo jilaa——————————-haa ha hee
Guddinnaan ariifadhuu hoyoyyoo jilaa—————————–haa ha hee
Bultumaan fulaa gahii hoyoyyoo jilaa——————————————-haa ha hee
Bulee gaamaruu ta’ii hoyoyyoo jilaa——————————————haa ha hee
Dhibaayyuun moonaa guutee hoyoyyoo jilaa——————————–haa ha hee
Deebanuun moonaa guuttee hoyoyyoo jilaa———————————haa he hee
Dhibaayyuun mootii jilaa hoyoyyoo jilaa————————————–haa ha hee
Jila mootii waaqayyoo hoyoyyoo jilaa——————————————-haa ha hee
Jilaa hoo———————————————–jilaan naa deemaa hoo
Nageenni horaa hoo horiin————————horoiin nagayaa hoo
Gadaan tun roobaa hoo—————————-roobaafi nagayaa hoo
Ardaan bultumaa hoo—————————-ollaan nagayaa hoo
Gadamsan goobaa hoo—————————–goobaafi geerarsaa hoo
Golilleen nagayaa hoo——————————hoo hoyoyyoo jilaa
Jiloon araddoo nuuraa yoo hoyoyyoo jilaa—————————–haa ha hee
Jiloo balbaltii dhibbaa yoo hoyoyyoo jilaa——————————haa ha hee
Andaqaan laallee dhibbaa yoo hoyoyyoo jilaa————————-haa ha hee
Balaanbali xayyiin dhibbaa yoo hoyoyyoo jilaahaa——————–ha hee
Dhibbaa namayyoo horii hoyoyyoo jilaa——————————–haa ha hee
Horiin daari bahii yoo hoyoyyoo jilaa———————————–haa ha hee
Horaa nagayaan galii yoo hoyoyyoo jilaa—————————–haa ha hee
Jiloon aaba galalee yoo hoyoyyoo jilaa———————————–haa ha hee
Galalchi maxxaarrii yoo hoyoyyoo jilaa———————————-haa ha hee
Maxxarrii qalloo waayyuu yoo hoyoyyoo jilaa————————–haa ha hee
Qallina kan hinlaalini yoo hoyoyyoo jilaa —————————–haa ha hee
Sunumaan ca’ee buusaa yoo hoyoyyoo jilaa—————————–haa ha hee
Jedhuun eebifatan.‘Hoyoyyoo jilaa,’ yoo dhibaayyuu qofa osoo hinta’in yeroo ijoollee mqaa baasanillee nidhawatu.Garuu yeroo jila butte doorii kana qofa dhawatu.Dhawacha tana addaan hinkutan.Haga dhibaayyuun galtuttii ittuma fufu.
Gara qootii deemanii akka yooganamaa karaa moonaa dhibaayyuu deeman, fororee dhawachaa qootii irra maran.
Infororee infororee, fororsaan roobee,
Roobee laga yaasee infororee, fororsaan roobee
Ilmee laguu yaasee infororee, fororsaan roobee
Madda nuu gabbisee infororee, fororsaan roobee
Maddii nuu arreesse infororee, fororsaan roobee
Arreedaa nuu bulchee infororee, fororsaan roobee, jechaa fulaa qootii yoo dhaqaban waddeessa walitti kenatan. Waddeessa yoo wal’irraa fuudhan, nami gara qootii deebi’u waddeessa mataa qabatee akkas jedha;
“Moonaa fadii
Fadii diida buuse,
Horree diida baane,
Gooroo marmaari,” jedhanii wal’ eebisaa waddeessa wal’irraa fudhan.
Dhibaayyuun yoobaatu waahundaa afaan seedan, waan hundaa maqaa biraan yaamu.
Ykn dhibaayyuun amala ofdanda’e qabdi.Fkn,namii dhibaayyuu tokkolleen hidhaa hinkeeyyatu ‘soqolee, ooblatee’ jedhan ykn wayaa qofa huyyifatan.
Dubartiin walitti hin dhiyaatan.ykn qunnamtii saalaa dhowwa.
Yoo fiincawan qaama saalaa hinqabatan.
Ol’ejjaan(dhaabbatanii) hinfinca’an, gadtaa’aniifincaa’an malee.
Fulaa dhibaayyuun oolan namii dhibiin keessaa hinbahuu.
Waan heddu maqaa jilaa kanaan waamu malee, maqaa biraan (sirriin) hinwaamani.

Fkn
Nadheeniin “elellee”
Looniin “leennoo” jechuun yaamuu.
Re’een “saasoo”
Agaraan “kaltuu”,
Billaan “suluudaa”,
Nafa dhiiraatiin “ejersa”
Nafa dhalaan “haroo” jedhanii waamu.Haala kanaan afaan sedan, yeroo turtii dhibaayyuu hundaa.
Eegaa dhibaayyuun moonaa dhibaayyuuttii dhibaafachaa jirtu kan eeleelleen ykn nadheen dhibaayyuu tanaa talboo jedhanii, aannan okolee hidhaa dhirsaa kan aadaa gubbaa ka’an qabattee gara moonaa dhibaayyuu fidi.

Yoodhuftu moonaa dhibaayyuu hinseentu.Akka fakkii kanarraa argitan kana elelleen talboon dhuftee moonaa dhibaayyuu dura dhaabbati.Wannii adiin elelleen harkaa qabdu tun hidhaa dhirsaati.Aadaan talboo dhuftuun hidhaa irra keette.

Ala dhaabbattee namni luba warra doorii kana tahe qoftii talboo irraa fuudhee kophee yaafatee moonaa dhibaayyuu seenee dhibaayyuutti kenna.Yeroo kennu kana akkana jedhee ittii kenna “, hoo sii gumaachaa,”yoojedhu, “dhibaayyuu bonaa gannaa gumaachi” jedha, irraa fudhatee namni hundii dhugaa hoo sii gumaachaa jechaa walirraa marsaa.Yoodhuganii deebisan;

“Kormaan galte waareen,

Mamarratte waareen”

Kee jaaladhu” jechaa walirraa fuudhu.
Eega dhibaayyuun kadhaa nagaa, bokkaa, marraa-bishaaniif yaamatan, namaa-sa’aaf kadhatu, diqqaa-guddaaf kadhatu,akka loon gabbatanii rimaa’an kadhatan, milkaa’ina kaayyoman diina irratti olaantummaa akka argatan waaqa kadhatan. Kana qofaamitii,“sugaafi bokkaa” akka argatan galma jaaranii waaqa’ofii yaammachaa jilatu (Jaatani Diidaa, 2014).
Dhibaayyuun doorii tunniin bultii kudhan itti fuftti.Bulitii kudhaniin booda guyyaa tokkoof dhibaayyuu manatti bahan.Walumaa galatti dhibaayyuun onnee qulqullittiin waan waaqa kadhataniif qulqulummaa guddoo barbaaddi.

Wanni surree hinkeeyyanneef qulqulumaaf.Wanni elelleen ykn nadheen moonaa dhibaayyuu hinseeneef qulqulumaaf, maaf jennaan aadaa huwwaa(hawwaa) fa’a qabaachuu waan dandeettuuf, moonaan tun immoo moonaa qulquloo waan taateef, dhowwamti.

Akkasumas yoo dubartiin gara namaa dhufte yaadni namaa fedhuu fa’a waan danda’uuf, qalbiin namaa akka tokko taatu gochuuf yaadameetidha.
Asirratti wanni beekamuu qabu dhibaayyuu moonaa keessa jirtu ummatni keessummoomaa ykn galata himataa dhufuufi namnii daawwiif yaa’u moonaa dhibaayyuu kana marsee dhaabbata.Waldorgommiin galataa(duulli nafiladhaa) asitti geggeefama.Duullikun ‘baanattoo’jedhama.

Akkuma beekkamu hayyuu adulaa, hayyuu meedhichaafi garbaa yeroo hundaa gama gosaatiin duulli nafiladhaa ni geggeefama.

Warraa alaa dhufe qofa osoo hinta’iin olla doorii kan keessaattii namii filannoo dhufuuf qophaa’u hedduu ka qubatee jiru.kun hunduu bakka kanaattii dorgommii jalqaba.

Booranatti hayyuu dorgomuuf gosa, abbaafi ilmaan walgargaaran, namni gosaan alaa hingargaaru.
Waa’een filmaata hayyuu waan uummanni Booranaa, horatti, gabaatti, eelaattifi bakka walargan maratti irratti dubbatuuf dhimma biyyaati.Gosa tokko keessaa namii filatamuu fedhu, heddutu jira.Dhimmikun immoo deegarsa argachuuf jecha falmii guddaa kaasa.

Garuu falmii kana, kan murteessu gosti isaan keessaa dorgoman sun, akka gosaatti gadifageenyaan taa’ee ilaaluun eenyutu moo’a, eenyuttu goota, eenyutu obsaadha, tolaafi nama araaraa ta’uu danda’a.

Eenyutu Seera, Seenaafi Aadaa beekaa.Isakamtu dandeettii dubbattanii amansiisuu, Safuu uummataa eeguu danda’aa jedhee, gosaan madaalamuun, abbaa gosti itti waliigaleen gara Gadaafi doorii dhufu.Asiti, galata nuufuudhaa geggeessan.

Duulli filmaataa Kun waan abbootiin ijoollee filatamuuf walmorkatan fakkaatu.Garuu ofiif miti.Ijoollee ofiif duula geggeessu. Yoo galata himatan waan namnii galata himataniif Kun ittiin filamuu danda’u jajjabinna isaa akkasumaas seenaan abbaa isaa akkam akka ture ni ilaalama.

Fakkeenyaaf, Abbaan akkana jechuun ilma bakka bu’ee dorgoma.Maqaan jaarsa kanaa Halakee Bukunee jedhama.Akkanatti ijoollee isaatti hayyuma dhawa.Ani Booranaa beeka; Booranni nabeeka, luba ammaa yuuba kan liiban jaldeessaa fa’a namnii aangoo itti keenne warra keenyaa.

Booranni nu amanee Gadaa abbaa hedduu aangoo nutti keennera.Ammas akka nutti kennu hinmamu.

Mucaan keenya qaroo qarooma isaa booranni ni beeka, jabaa, seeraafi aadaa eega, laduu eega, goota, gosa danda’a, Boorana mara danda’a, Boorana bira dabree Oromoo balloo danda’a.

Dirqama Oromoon itti kennee nama sirriitti raawatu, warra isaa boorannii itti guutee gannama.

Nama dheebuuf beela itti obsan nama ummata danda’udha.Aadaa beeka, duudhaa beekaa,beekee qajeelcha.

Nuwaan ummatni nugaafatu hirdhifnee hinbeeknu, jaarsi keenyaa,yuubii keenya,laduun teenya,raabii keenyaa, ulfina Booranaa fudhannee hinrafnuu.Boraannii dhufee hojii nuuhinyaamu,durabaana nusooreyyiidha, dura malee duuba hindeemnu.

Maqaa waaqaatiifi maqaa dhibaayyuu tanaatiin isin kadhadhee ilma keenya galata isaa nuu fuudhaa nuudhalaa jedhee galata himata.Garuu asitti warrii dhibaayyuufi yaa’ii doorii Kana’irra barbaadatan waaqni sittihinka’in qofa jedhan.Dhibaayyuun akkuma sirbaa kaan guyyaa dhumaarratti ruddiin baate.

Guyyaa kudhaneessoo kaan ruddiin/cokoo/ baattee eebbifamte galte.Guyyaa kudhatokkeessoo dhibaayyuu manaa bahan.

1.Dhibaayyuu Manaa
Dhibaayyuun Alaa guyyaa kudhan (10) turee; guyyaa kudhatokkeessoo dhibaayyuu manaatti tolfatu/rawwatu.Dhibaayyuun Manaa akkuma dhibaayyuu kaanii kadhannaa waaqaatiin kanwalmake, sirni nyaataafi dhugaatii manaa, manatti geggeefama.

Manni itti geggeefamu kun mana namni dhibaayyuu keessaa bahe qofa. Kadhannaa kanaaf, akka yeroo ayyaana kaanii mana’irra deemanii waadhuganii wal’eebbisuun gammachuun walsimachaa dabarsu.Nyaata, dhugaatiifi quufaaf sirriitti qophooftee dhibaayyuun jilaan oolte.

2. Korma Miingaa
Kormii Miigaa, korma obbaatii jila dhibaayyuutiif qalamuudha.Akkuma dhibaayyuun manaa xumuuramteen borii/boromtuu korma obbaatii jila kanaa Abbaan Gadaa fiixee diorama/obboroon ka’ee qala.

Namni hundii haaluma duraa duubaatiin dhufee ariirratee loon qalamee foon isaa nyaatama.Korma miiggaa irratti warri hayyuu murachuun hinjiru.Kormi miigaa kan’qalamuuf, obbaatii jilaa Sirba dooromaafi dhibaayyuutiif jedhamee akka aadaatti qalama.

Garuu obbaatii jila duraan tuqame kana malee jila guddaan dhibiin/biraa duubatti hafuun’isii beekamuu qaba.

3. Gargalfattoo Ardaa Jila Buttee
Jila buttee kana keessatti Aadaa jilaa kana bakkuma qubatan sanatti jila cufa walgula/faana hintolfatan.Aadaaf ardaa garagalfatan qe’eetti jila biroo raawwatan. Ardaan kun ardaa korma itti gadhiisan jedhama.

Korma buttaa duraan waabatti galchanii nyaachisaafi obaasaa turan ardaa kanatti gadhiisan.Oromoon Booranaa akkuma beekkamu ardaa tokkoo; gara ardaa biroo godanuun sirna jilaa raawwata.

Maaliif jennaan, lafa tokko irratti qubatee erga wayyoomsee booda, ammas gara lafa biraa deemee qubatee wayyoomsa.Dooriin Booranaa ardaa badhaasaatti jila geggeefataa.Gargalfattoo kana irratti bakka jilaa kanduraa irraa gara kibbaatti godaanuun jilatu.

Aadaaf godaanan malee, godaantiinkun fageenya hinqabdu.Godaantiin warraa fageenyaa 200m hincaaltu.Yoo godaanan akkaatuma ardaa butteetti waliin qubatan sanaan asittillee qubatu.

Korma buttaa akkuma duraanii waabaa namni keessaan arguu hindandeenye jaaranii itti galchan.Bultii xiqqoon duubatti karrabbaanbuttaa qalu.

Karaaba jechuun sangaa jechuu.Kanaafuu ardaa kanatti karrabbaan buttaa abbaan warraa hundiinuu niqalata.Namnii sangaa ykn karaaba hinqabne hoolaa qalata. Karaaba yoojennu horiin qalamu kun dirqama karaaba ta’uu hinqabu.
Karaaba aadaaf haajedhani malee jibichaa, kormaafi hoolaa ta’uunidanda’a. Karaabbaan kanqalatan, eebbifatanii foon nyaachaa oolanii, guyyaa mataa haaddatan.Warri doorii duraan mataa hin’haadatu.

Mataa osoo hinhaaddatin kanturan kaan’immoo guyyaa har’aa kana ofirraa buusuu (haadatu).Abbootiin warraa hedduun isaani har’a mataa haadatu.

Elelleen dhirsa yoo mataa haaddu
Mataa kana yoo haaddan akkaataa duraan mataan itti haaddamu osoo hinta’in bifa jilakanaatiin haadama.

Dursa bishaan qoriitti naqani,qumbii keessa buusuun, aannan xiqqoo itti cobsanii mataan dhiqatan.Achiin duuba elelleen (haatii manaa) isaanii haaduu qabattee akka fakkii irraa kanatti haaddiif.

Namni asirratti rifeensa mataa hinhaaddanne Abbootii Gadaa Sadeeniifi nama hayyuu meedhichaa barbaaddatu kan ollaa kana keessa qubatee jiruu qofa.Namni hayyuu meedhichaa fudhatu guyyaa kana mataa haaddadhuu yoojedhameen, hayyuu barbaadachuu dhabdee jechuu.

Hayyuu sihingoonuu ergaa jedhu ofkeessaa qabda.Abbootiin Gadaa Sadeen (Arboora, Hawaxxuufi Koonnituu) gaafa hayyuu lallabatan, warra hayyuu lallaban (muudan) waliin mataa haaddatu.

Kanaaf har’a mataa jara kana waliin hinhaadanne.Yoo mataa haaddatanii xumuuran, boriyyaa/boromtuusaa korma buttaa gadhiisan.Korma bultii 30 oliif dhoksanii nyaachisaa turan har’a gadhiisan.Korma kana duraan wanni hidhaniif diinaan ofirraa ittisuuf hidhan.

Haalli kun barmaatiilee ta’ee itti fufe.Yoo gadhiisan kana kaattoo waliin Abbaa kormaa ykn abbaa durii irraa fudhatanii galchaniif.

Kaattoon abbaa korma kanaa korma waliin kennaniif akka aadaatti loon 30 ta’a.Doorii kana irratti Abbaan kormaa loon 30 muraniif aadaan kadhatan loon kudhalama(12) kennaaniif.

Guyyaa kana korma buttaa moonaa keessaa baasuun namnii dhiiraa hundii waraana harkatti qabatee, korma dhibii/biraa kan alatti qalan waliin moonaatti oofan.Namni hundii waraana fudhatee duula fakkaatee korma ofdura oofaa gara alaa deemuu.

Maaliif jennaan dur durii korma buttaa kanaan waan duulaniif yeroo ollaan walitti horme, olaantumaan diina irra aanuuf korma kanaan duulan.Yoo sirna kana raawwatan diina irra aananu jedhanii amanu.

Amma immoo aadaan duulaa sun badee, aadaa duulaa Sana fakkeessuun akka duulaa alatti bahanii deebi’anii; korma loon kaattoo waliin abbaa kormaatti Kennan.
Galgala moonaa bahanii alatti korma biroo kanwaliin oofan qalatanii nyaachaa ala bulanii, obboruusaa/ganama achumaan korma buttaa oofaa warra irraa faggeessanii uchuma aadaa buufatanii eebbifatanii gadiin deebi’u.Yoo galaniin kaattoo loon kennameef sana waliin kennaniif abbaa kormaati.
Yoo alatti bahan Abbaan Gadaa balbalatti lallaba.Balbala duratti lallabuun waan mallattoo gaafa duullii jiruu kan muldhiftu waan taateef amma immoo balbalatti korma gadiin bahanii deebi’u.
Achiin booda korma obbaatii jilaa qalatanii eebbiifatanii waraana garagar keeyyatan.Waraana gargar keeyyatan jechuun gargar godaanu jechuudha.

Yeroo kana Abbootiin Gadaa walitti dhufuun, Abbootiin Gadaa Hawaxxuufi Koonituu Abbaa Gadaa Harbooraa yaamanii “jaala Gadaa naa kenni”jedhaniin.Inis “Gadaa sii hin kennuu; damee siikennee” jedha.
Jechii “Gadaa naakennii”jedhuufi “Damee siikennee”jedhu Abbaan Gadaa kan ibsuu, kan waldhabbii hinqabne aadaan walirraa godaanan, eebbaafi diimokrasii ofkeessaa waan qabuuf, muraan isaanii akka kan Abbaa Gadaa Taatuu, bara gadooma isaanii mirkaneesseef fulaa/eddoo saditti(3) bahanii jilatan.

Aadaa goggeessi tokko akka kanaan Gadaa sadeen(3)n ta’ee gargar godaanuu kun,waan mittoo irraa dhufeedha.(Jaatani Diidaa,2016)

Madda: Bonayyaa Diidoo (Un published Paper ); Biiroo Aadaafi Turiizimii Oromiyaa