Ayyaanni Irreechaa sirna Nagaa fi Eebbaa ta’uu qaba!

(Ibsa Gumii Waaqeffataa Oromoo Addunyaa, 10 Fulbaana 2017) Ayyaanni Irreechaa, Aadaa fi Dhuudhaa Oromoo keessatti sirna, tibba birraa Malkaa bu’uun waan argataniif, Waaqa galateeffatanii fi tibba arfaasaa ammoo Tulluutti bahuun, egereef Waaqa kadhatanii irreeffataniidha. Kunis aadaa dhugeeffata dhaalmayaan abbootii fi aayyolii keenya irraa darbaa dabarsaan har’a gahee fi yeroo ammaa sirna ho’aan kabajamaa jirudha.
cropped-WGA-22.jpgKabajaan ayyaana irreechaa bara dheeraaf kan turee fi jiru ta’ullee sirnooti Mootummaa darban waan kun akka hin mul’annee fi hin guddanneef, haala adda addaan dhiibbaa irratti godhaa turan. Haa ta’u malee qabsoo fi wareegama ilmaan Oromoo godhaniin ayyaanni kun ifatti akka kabajamuu fi addunyaatti akka beekamu godhamee jira. Keessattuu ayyaanni Irreechaa Hora Arsadii, magaalaa Bishooftuutti kabajamaa jiru, waggoota digdamman darban keessa ummata Oromoo bal’aa biratti beekamuun waggaa waggaan guddataa dhufee yeroo ammaa ummata kumaa fi kitila hirmaachisuun, Ayyaana guddaa Afrikaa keessatti beekamu ta’ee mul’ateera.
Ayyaanni irreechaa mallattoo, Aadaa fi Tokkummaa Oromoo mul’isuu fi guddisu ta’aa dhufuun ammoo abbootii irree warra guddina aadaa oromoo hin feene biratti sodaa fi yaaddoo uumaa waan dhufe fakkaata. Sababa kanaan waggoottan darban hunda olola jibbiinsaa irratti oofuu irra darbanii, namoota ayyaana kana irratti hirmaachuuf uffata aadaa isaaniin miidhaganii dhaqaa turan, gufuu fi sababa adda addaa irratti uumuun hidhaa fi dararaa turan. Isa kanaan nama ugguruu hanqannaan ammoo waltajjii siyaasa ofii kan irratti oofan godhachuuf tattaafataa turan.
Bara darbe, onkoloolessa guyyaa 2, 2016 gochaan ayyaana Irreechaa, Hora Arsadiitti raawwate, ammoo waan hedduu nama suukaneessuu fi gocha yakkaa, barayyuu hin irraanfatamne, madaa baraan hin qoorre ta’ee darbeera. Ummata marga jiidhaa fi uffata aadaa malee waa takka of harkaa hin qabnetti rasaasa aara nama ukkaamsu itti dhukaasuun namni garatti bahuu fi baqatu wallaaluun, boollaa fi bishaanitti nam’ee akka dhumuu fi madaa’u godhanii jiiru. Ummata karaa nagaa fi sirnaan mirga ofii gaafate sirnaan deebisuu fi namni dhimmi isaa ilaalu waltajjii sana akka geggeessu osoo gochuu qabanii, namni akka mufatuu fi daran akka dallanu gochuun kakaasanii balaa hamaa sana irraan gahan.
Ayyaanni irreechaa waltajii nagaa, jaalalaa fi tokkummaan Waaqa ofii bakka itti kadhatan malee dirree siyaasa itti oofanii fi jeequmsaa waan taaneef fuula dura, Ayyaanni kun karaa nagaan akka kabajamuu fi ummati ayyaana kana kabajuuf bahe, Sodaa fi Yaaddoo tokko malee, nagaan bobba’ee akka galuuf tika barbaachisu gochuun, aadaan Irreechaa keenya kuni akka bara baraan kabajamuu fi guddatuuf gargaara. Waan hundumtuu bakka ofii qaba. Irreechis bakka nagaan Waaqa itti galateeffatanidha.
Kanaafuu:
1. Ayyaanni kun qaama dhimmi isaa ilaalu, Abbaa Malkaa fi Abbootii Gadaan akka geggeeffamu,
2. Qaamoti siyaasaa fi dabballeen Mootummaa guyyaa sanatti waltajjii irreechaa sana gaggeessuu akka dhiisan,
3. Humni meeshaa waraanaa hidhate, bakka kanatti akka hin argamne,
4. Nagaa ummataa warra eeganii fi tiksan, Gaammee, foollee fi raabni abbootii Gadaan akka ramadaman,
5. Ummati ayyaana kana kabajuuf bahes, ayyaanni kun nagaan akka hoofkalu, naamusa gaarii mul’isuun, warra ayyaana kana jeequu barbaadan akka ofirraa eeggatuu fi nageenya isaa tiksu,
6. Sabaa himaaleen adda addaa, Qeerroo fi Qarreen, akkasumas hawaasi Oromoo biyya alaatti Irreecha 2017 kabajuuf qophiitti jiran marti, Ayyaanni Irreecha Oromiyaa 2017 nagaan akka kabajamuu fi nagaan akka hoofkalu, gorsaa fi dhaamsa nageenyaa akka lallaban,
7. Dargaggoon Oromoo kan biyya keessatis ta’ee kan biyya alaa jiran guyyaan kuni akkuma aadaa keenyaa, guyyaa nagaa fi eebbaa akka ta’u gahee ofii akka bahan,
8. Siidaan yaadannoo namoota balaa akka ” TASAA”n lubbuun darbaniif jedhamee dhaabbate sun, dhugaa ture kan dhoksuu fi haqa wareegamtootaa sana kan ukkaamse dha. Kanaaf dubbiin kun madda waldhabbii ta’ee akka itti hin fufnee fi dhugaan ifa bahee, mariin elaa fi elaamee ummata waliin godhamee, Siidaan Seenaa wareegamtoota kana sirriitti ibsu haaraatti akka dhaabbatuu fi dhuma irratti,
9. Guyyaan ayyaana Irreechaa Hora Arsadiitti kabajamu, Guyyaa Ayyaana Biyyoolessa Oromiyaa ta’ee akka labsamuu fi borumtaan isaa ( Wiixata ykn Dafinoo) guyyaa boqonnaa akka ta’u. Sababni isaa ummati bakka fagoo irraa dhufee ayyaana kana irratti hirmaatu deebi’ee hojii galuu waan hin dandeenyee fi kanneen ayyaana kana qindeessan, dadhabbii irraa boqonnaa akka argatan gochuun barbaachisaa waan ta’eef. Qabxiilee armaan olitti ibsaman kanneen qalbiin hubachuun qaamoti dhimmi isaa ilaalu marti waamicha kana hojiirra akka oolchan kabajaan gaafanna.
Ayyaanni Irreechaa bara 2017, kan nagaa, kan eebbaa, kan gammachuu fi kan tokkummaan Oromoon waliin dhaabbatu akka ta’u hawwii keenya ibsina!
Gumii Waaqeffannaa Oromoo Addunyyaa