Kabajamtoota uummata oromoo kan biyya keessaa fi biyya alaa hundaaf,sabaa fi sab-lammoota biyya keennaa, kan biyya keessaa fi biyya alaa jirtan hundaaf, biyyoota Afrikaa fi uummatoota addunyaaa hundaaf, baga sirna wal-harkaa fuudhinsa baallii Angafiticha oromoo Booranaa 72ssoon isan ga’e,baga waliin geenne.
Akka duudhaa sirna Gadaa Oromootti aangoon waggaa saddeet saddeetiin karaa dimokraatawaa fi naga qabeessa ta’een jaalalaan dabarfama. Sirni dabarsa aangoo kunis wal harkaa fuudhiinsa Baallii jedhamuun waamama.
Oromoon Booranaa sirna guddaa kana gaggeessuuf qophii irratti kan argamu yoo ta’u, sirni wal harkaa fuudhiinsa Baallii Oromoo Booranaa 72ssoon ardaa jilaa seena qabeessa Godina Boorana bahaa aanaa Areeoo ardaa Badhaassaatti gaggeeffama.
Sirnii guddaan baallii kun waggaa saddeetiin kan maru yo ta’u, abbaan Gadaa 72ssoon baallii fuudhuuf kurfoo jiru abbaa Gadaa Guyyoo Boruu Guyyooti abbootiin Gadaa Booranaa tana asumaan baradhaan dhaamsa keenna.
1. Gadayoo Galgaloo- Dambituu Warra Gussaa- Fullaasa (1458-1465)
2. Yaayyaa Fulleellee Yaayyaa- Galaantuu Beerrituu- Mardiida (1466-1473)
3. Jaarsoo Baabboo Gaanoo- Galaantuu Lukkuu- Daraara (1474-1481)
4. Daawwaa Borbor Daawwaa- Dambituu Warra Gussaa- Libaasa (1482-1489)
5. Diida Nam-durii Annaa- Digaluu Eemmajii- Sabbaaqa (1490-1497)
6. Areeroo Boruu Bakkalchaa- Dambituu Obituu- Moggaasa- (1498-1505)
7. Tiittilee Dullachaa- Siraayyuu Koollaa- Maakula- (1506-1513)
8. Lukkuu Jaarsoo Baabboo Gaanoo- Galaantuu Lukkuu- Fullaasa- (1514-1521)
9. Daada Iddoo Daadaa- Dambituu Warra Gussaa- Mardiida- (1522-1529)
10. Kuraa Dhaallaa- Digaluu Eemmajii- Daraara- (1530-1537)
11. Dagalee Yaayyaa- Dambituu Obituu- Libaasa- (1538-1545)
12. Ososa Tiittilee Dullachaa- Siraayyuu Koollaa- Sabbaaqa- (1546-1553)
13. Boroo Lukkuu Jaarsoo- Galaantuu Lukkuu- Moggisa- (1554-1561)
14. Abbayi Horroo Dullachaa- Galaantuu Lukkuu- Moggisa- (1562-1569)
15. Biduu Dhoqqee Rasoo- Karrayyuu Warra Kulaa Kormee- Fullaasa- (1570-1577)
16. Horroo Dullacha Yaayyaa- Dambituu Obituu- Mardiida (1578-1585)
17. Yaayyaa Oolee Bonayyaa- Digaluu Tiittii- Daraara- (1586-1593)
18. Dooyyoo Boroo Lukkuu Jaarsoo- Galaantuu Lukkuu- Libaasa- (1594-1601)
19. Bachoo Nadhii- Digaluu Daaddoo- Sabbaaqa- (1602-1609)
20. Urgumeessa Igguu- Digaluu Eemmajii- Moggisa- (1610-1617)
21. Baabboo Horroo Dullachaa- Dambituu Obituu- Maakula (1618-1625)
22. Baabboo Sibuu Beerree- Galaantuu Beerrituu- Fullaasa- (1626-1633)
23. Indhaalee Dooyyoo Booroo- Galaantuu Lukkuu- Mardiida- (1634-1641)
24. Acuu Abbiyyuu- Bachituu Saaquta- Daraara- (1642-1649)
25. Ablakuu Mormaa- Qarcabduu Buuyyamaa- Libaasa- (1650-1657)
26. Abbay Baabboo Horroo Dullachaa- Dambituu Obituu- Sabbaaqa- (1658-1665)
27. Aallee Kuraa Reettee- Digaluu Tiittii- Moggisa- (1666-1673)
28. Yaayyaa Huruu Malleellee- Maxxaarrii Meettaa- Maakula- (1674-1681)
29. Morowwaa Abbay- Galaantuu Beerrituu- Fullaasa- (1682-1689)
30. Gobbaa Allaa Nuuraa- Digaluu Tiittii- Mardiida- (1690-1697)
31. Daawwee Gobboo Yaayyaa- Qarcabduu Buuyyamaa- Daraara- (1698-1705)
32. Jaarsoo Iddoo Yaayyaa- Siraayyuu Koollaa- Libaasa- (1706-1713)
33. Walee Waaccuu Roqaa- Digaluu Udumtuu- Sabbaaqa- (1714-1721)
34. Soraa Dhaddacha Iluu- Warra Jiddaa Annaa- Moggisa- (1722-1729)
35. Dhaddacha Soraa Morowwaa- Digaluu Eemmajii- Maakula- (1730-1737)
36. Halakee Dooyyoo Harreelee- Galaantuu Lukkuu- Fullaasa- (1738-1745)
37. Guyyoo Geedoo Walee- Siraayyuu Koollaa- Mardiida- (1746-1753l
38. Madha Boruu Daadaa- Noonituu Ammooyyee- Daraara- (1754-1761)
39. Soraa Diidoo Qarsaa- Galaantuu Lukkuu- Libaasa- (1762-1769)
40. Bulee Dabbasaa Bulee- Digaluu Eemmajii- Sabbaaqa- (1770-1777)
41. Liiban Waata Nafur- Digaluu Walaajjii- Moggisa- (1778-1785)
42. Waayyuu Raallee Canaa- Dambituu Obituu- Maakula- (1786-1793)
43. Boruu Madha Boruu Daadooy- Noonituu Ammooyyee- Fullaasa- (1794-1801)
44. Ungulee Lakhee Sadee- Galaantuu Beerrituu- Mardiida (1802-1809)
45. Saaqqoo Dhaddacha Gaamaduu- Maccituu Jawwituu- Daraara- (1810-1817)
46. Jiloo Nyeencoo Soraa- Digaluu Tiittii- Libaasa- (1818-1825)
47. Sokoree Annaa Borbor- Maxxaarrii Meettaa- Sabbaaqa- (1826-1833)
48. Madha Boruu Madhaa- Noonituu Ammooyyee- Moggisa- (1834-1841)
49. Liiban Jiloo Hadhaawaa- Dambituu Warra Gussaa- Maakula- (1842-1849)
50. Jaldeessa Guyyoo Dabbasaa- Qarcabduu Buuyyamaa- Fullaasa- (1850-1857)
51. Dooyyoo Jiloo Nyeencoo- Digaluu Tiittii- Mardiida- (1858-1865)
52. Haroo Adii Liiban- Galaantuu Beerrituu- Daraara- (1866-1873)
53. Diida Bittaataa Maammoo- Noonituu Ammooyyee- Libaasa (1874-1881)
54. Guyyoo Boruu Ungulee- Galaantuu Beerrituu- Sabbaaqa (1882-1889)
55. Liiban Jaldeessa Guyyoo Dabbasaa- Qarcabduu Buuyyamaa- Moggisa- (1980-1897)
56. Adii Dooyyoo Jiloo- Digaluu Tiittii- Maakula- (1898-1905)
57. Boruu Galma Dooyyoo- Galaantuu Beerrituu- Fullaasa- (1906-1913)
58. Liiban Kusee Liiban- Digaluu Daaddoo- Mardiida- (1914-1921)
59. Areeroo Geedoo Liiban- Dambituu Warra Gussaa- Daraara- (1922-1929)
60. Bulee Dabbasaa Bulee- Digaluu Tiittii- Sabbaaqa (1930-1937)
61. Aagaa Adii Dooyyoo- Digaluu Tiittii- Sabbaaqa- (1938-1945)
62. Guyyoo Boruu Galmaa- Galaantuu Beerrituu- Moggisa- (1946-1953)
63. Madha Galma Toree- Noonituu Ammooyyee- Maakula- (1954-1961)
64. Jaldeessa Liiban Guyyoo- Galaantuu Beerrituu- Fullaasa- (1962-1969)
65. Gobbaa Bulee Dabbasaa Bulee- Digaluu Eemmajii- Mardiida- (1970-1977)
66. Jiloo Aagaa Adii- Digaluu Tiittii- Daraara- (1978-1985)
67. Boruu Guyyoo Boruu Galma Dooyyoo- Galaantuu Beerrituu- Libaasa- (1986-1993)
68. Boruu Madha Galma Toree- Noonituu Ammooyyee- Sabbaaqa- (1994-2001)
69. Liiban Jaldeessa Liiban- Galaantuu Beerrituu- Moggisa- (2002-2009)
70. Guyyoo Gobbaa Bulee- Digaluu Eemmajii- Fullaasa- (2010-2017)
71. Kuraa Jaarsoo Digaluu Tiittii- Fullaasa (2017-2025)
72. Guyyoo Boruu Guyyoo Boruu Galmaa- Galaantuu Beerrituu- (2025-2033)
Oromoon balloon ta kaabaa ,kibbaa ta bahaa fi dhihaa cuftinuu jilaa waliin qabna koottaa jila nurraa obbaasaa.
Koottaa aananii foonii sooradhaa!
Koottaa sirnicha daawwadhaa!
Koottaa eebba abbootii gadaa fudhadhaa!
Koottaa sirna gadaa waliin addunyaaf beeksifnaa!
Ardaan jilaa Godina Boorana bahaa aanaa Areeroo ardaa Badhaasaati!
Aadaan nafa,nafa abbaatti jabeeffata!
Koottaa aadaa teenna waliin jabeessinaa!