Ummanni Oromoo erga Sirna Gadaan buluu jalqabee jaarraa hedduu lakkoofsiseera. Sirni Gadaa Oromoo sirnoota darban keessa dhiibbaafi hacuuccaan olaanaa gama siyaas-dinagdeefi hawaasummaatiin irra gahaa turus sirnicha gonkumaa awwaaluu hindandeenye.
Godinoota Oromiyaa kanneen sirni Gadaa Oromoo dhiibbaafi cunqursaa warra Nafxanyootaafi mootummaa abbaa irree Darguu damdammachuudhaan aadaa abbaafi akaakilee Oromoo durii qulqulluu dhaloota har’aatiin gahan keessaa tokko Godina Booranaati.
Sirni Gadaa Oromoo sirna ittin bulmaata siyaas-dinagdeefi hawaasummaa ummata kanaa akkuma ta’e, sirna Aadaa Waaqeffannaas of keessatti hammatee kan qabuudha. Dhugaa kana ilaalchisee Oromoon Booranaa yoo mammaaku “Dhugaa Waaqatu dhalee, Aadaa namatu tolche” jedhanii mammaaku. Mammaaksa kanarraa wanti baratamu addunyaa kanarratti Aadaafi amantaan gargar ta’uu isaa agarsiisa.
Akka jecha hayyoota saba kanaatti, Oromoon Waaqa tokkichatti amana; ni dhugeeffata. Gama birootiin immoo nabiyyoota/ergamtoota ni ulfeeffata malee hinwaaqeffatu. Nabiyyootaafi raagdota dhugaa isaanii fudhatee “Yaa Waaq” jedha malee akka Waaqaatti isaanitti hindhugeeffatu; hinamanus. Oromoon Booranaa ilmi namaa uumaa Rabbiiti ykn uumaa Waaqaati jedhee amana. Jalqabbii Uumama ilma namaa irratti garaagarummaan yaadaa jiraatullee, Booranni uumaan Waaqaa inni jalqabaa xaphoo (dhiiraa)fi xapha-aboo (dubartii)dha jedhee amana.
Sirni aadaa Waaqeffannaa Booranaa sirna Gadaa keessa jira malee, kan yaa’a Yuubaa garaa garummaa hinqabu. Waan kana ta’eef dhawaafi dhibaayyuu mukaa yaa’a eebbaa ykn kadhaa Boorana maraa waan ta’eef abbootiin Gadaa qajeellummaan yoo gooroo guutan kadhaa ykn eebba isaan ummataaf ni ta’a jedhanii kadhatanitti amanu. Haaluma kanaan abbootiin Gadaa marti jila galma Gadaa ijaaran dhibaayyuu waan qabuuf, isaanillee dhibaayyuu keessa wayita galan qulqullinaan Waaqa tokkicha maqaa dhibbaa karaa/maqaa adda addaatiin waamuudhaan kadhatu.
Sirna Gadaa Oromoo keessatti Waaqeffannaan amantaa hoggaa ta’u, Qaalluun immoo Barsiisaa /dursaa Amantaa Waaqeffannaati. Booranaatti hayyoonni Oromoon akka jedhanutti, Qaalluun Abbaadha. Qaalluun qulqulluu akka bishaaniiti. Qaalluun namatti hindabu; daba hinhojjetu. Sirna Gadaa Oromoo keessatti Qaalluun ulfinaafi kabaja guddaa qaba. Akka Aadaa Oromootti, Qaalluun ni dhalata malee hinfilamu. Qaalluu qaallittiitu dhala. Qaallittiin haadha warra Qaalluuti. Qaalluun Qaallittii irraa dhalata hoggaa jennu, Qaallittiin garuu qaalloma kan argattu dhalootaan osoo hintaane, heerumaan argatti.
Qaallummaan fedhiifi filannoon osoo hintaane, Gosa Qaalluu irraa hiddaafi dhalootaan abbaarraa gara ilmaatti darba. Dubartiin garuu Qaallittii kan taatu, dhalootafi hidda dhiigaan ouoo hinta’in, Qaalluun intala warra guddaafi beekamaa, intala haalaafi amala gaarii qabdufi durba duudaa, qaamni ishee guutuu kan godaannisa hinqabnedha. Sirnaan Qaalluun mana osoo hinbahin ummanni manatti fideefii sirna gaa’elaa erga raawwatanii booda intalti warra guddaa kun qaallittii taatee filatamti. Sana Booda ilmi Qaallittii kanaa inni jalqabaa akka Aadaa Booranaatti yoo Abbaan hancufa seene ykn du’e, battalumaan abbaa bakka bu’uun sirnicha itti fufsiisa.
Qaalluun Booranaa akkuma Aadaa Booranaatti wayyuu waan namni hingorra’in hin nyaatu; bineensa bosonaa saatawwaafi gugguuftoo malee kan biraa hin nyaatus; hin ajjeesus. Qaalluun hojii humnaa kamiyyuu hinhojjetu. Loon hin ilmu. Akka inni dhiiga homaattuu hinbuufne, dhiiga isaa hinbuusan. Qaalluun diina hinqabu. Hamaan afaan isaatii hinbahu; hinabaaru.
Rifeensa qaama isaa tokkollee hintuqan. Qaalluu du’a ollaa isaa itti hinlabsan; nama hindhaanu; ala hinbulu; seerri isaa hanga rifeensa mataati.
Qaalluun akkuma gosaan walhangaftu, guyyaa laduun walhangafti malee umrii qofaan miti. Eebbillee akkuma sanaan walduraa duubaan eebbisu.
Madda: Kitaaba (Jaaraa v-1; Jaatanii Diidaa)