WAAQEFFANNAA beektu laataa?

  1. Maalummaa Waaqeffannaan

Waaqeffannaa jechuun, waan Waaqa jiruufi jireenya ofiitti aanfachuu dha; Waaqa wajjin hariiroo qabaachuudha; Waaqaa fi seera Waaqaa- Seemaa amananii fudhatuun jiruufi jireenya ofii qajeelfachuu dha; Waaqaatti amananii, hariiroo Waaqa gaarii waliin qabaachuun, waan Waaqni ajaje hunda dalaganii, waan inni irraa dhoowwe hundarraa dhoowwamii jiraachuu dha.

Waaqaeffannaan amantiidha; amantii Waaqa tokkichatti amananii ittiin qajeelfamuuti; amantiin keenya waanti Waaqeffannaa jedhamee yaamameef Waaqa waliin hariiroo tolfatanii  dubbii Waaqaa dhagayuun Waaqeffannaa waan ta’eef; daandii dhugaa kan jibbinsi keessa hinjirre, takkaa diddaan dubbii Waaqaa keessa hinjirreefi kan jaalalaafi gaarummaan guutame, Waaqeffannaa waan ta’eef. Waaqeffannaan, kanaaf, Waaqeffannaa jechuun Waaqa tokkicha, kan maqaan isaa dhibbaa, jiruufi jireenya ofiitti aanfachuudha; dhugaa Waaqaa dhagahuufi ittiin buluudha; dubbii Waaqaa dhagahuufi ittiin jiraachuu jechuudha; seeraafi fedhii Waaqaa dhagahuufi ittiin jiraachuu jechuudha.

Waaqeffannaan amantii ittiin Waaqa tokkicha dhugeeffatanii dha. Akka amantii kanaatti maddi uumama maraa Waaqa tokkicha; kanaaf dhalli namaa cufti Waaqa tokkicha malee waan biraa dhugeeffatuu hinqabu.Waaqeffannaanis amantii dhala namaa kan warra Waaqa tokkicha jiruufi jireenya isaaniitti aanfataniiti.Namni waan Waaqni jedhu dhagahu; ittiin bulu; ittin qajeelfamuufi ittiin jiraatu, kan darbes ta’ee kan ammaa akkasuma illee kan egeree ta’us Waaqeffataadha; Waaqeffattuudha.

  1. YAYYABA WAAQEFFANNAA

Waaqeffannaan amantii dhugeeffannaa ummata Oromoo kan durii fi ganamaati. Amantiin Waaqeffannaa kun  yayyaba irratti ijaarame hedduu qaba; yayyaba amantii kana jaaran mara tarreessun hindanda’amu; garuu, mataa isaanii keessaa hagi tokko akka armaan gadiiti.

  • Waaqa

Yayyaba Waaqeffannaa keessaa kan duraa Waaqa. Waaqa jechuun waa hunda kan uume; kan uumuufi kan eegu, Abbaa hundaati. Waaqni tokkicha; maqaan isaa garuu dhibba.Waaqan kanneen  Uumaa  jedhan; kaan immoo Rabbi jedhan. Maqaan Waaqaa akkuma Raajii Isaa himamee kan dhumuu miti.

Waaqeffattooti akka amananitti, Waaqa jechuun ol’aanaa waan cufaati. Uumaa waan cufaati. Waaqa jechun kan jijjiirama hin qabne kan dur ture, ammallee ka jiru, egerellee ka jiraatu Uumaa waa hundaati; Tolchaa Uumama hundaaati; Qulqulicha waa cufa tolcheefi tolchuudha. Waaqni Uumaadha; Tolchaa walaabuuti; Madda jireenyaati; Jiraachisaa waa cufaati; Baalchaadha; Fayyisaadha.

  • Uumama

Bu’ura amantii Waaqeffannaa keessaa kan biraa uumama beekumsaaaafi   hayyummaa Waaqaan yayyabameedha. Uumama kan jedhamu, waan Uumaan ogummaa isaatiin tolchee, beekumsaafi hayyummaa isaa ittiin mul’iseedha. Uumamaan kanneen kalaqa jedhan nijiru. Kaan immoo Raajii Uumaa jedhanii yaaman.

Akka amantii Waaqeffannaattis, bu’urri Waaqeffannaa uumamaa, beekumsaafi hayyummaa Waaqaan tolfameedha. Waaqeffattooti dhugaan uumama kana irraa olaatummaa Waaqaa dubbisan; uumama kana irraa jaalalaafi marartoo Waaqni uumama isaaf qabu baran. Kanaaf, kitaabni amantii Waaqeffannaa inni bu’uraa uumamaa, ykn uumamoota  ogummaa Waaqaatiin tolfamaniidha. Waaqeffattootis Uumamni cufti kitaaba amantii Waaqeffannaa ta’uu amanan. Kan dubbisuu beeke, uumama irraa Raajiifi Ogummaa Waaqaa dubbisa; Ol’aantummaa Waaqaa dubbisa; Hayyummaa Waaqaa dubbisa; Seera Uumaa, seera Uumamaa dubbisa ; Seera Walaabuu dubbisa.

  • Daaniyaa

Daaniyaan kitaaba waa’ee Waaqaafi Waaqeffannaa, kan dhimma Waaqaa irratti hundaa’ee Waaqeffattooti beekumsaafi hayyummaa Waaqaa akka ittiin yaadatniif kan yeroo jalqabaaf sonaahee baheedha.Kitaabni kun akkuma kaitaaba kamuu dhaamsu qaba. Dhaamsa qaraa dabarsu keessaa tokko akkatti Raajii Waaqaa hubatan namatti agarsiisa; uumama irraa akkatti beekumsaafi hayyummaa Waaqaa beekanii, Waaqatti harka kennatan namatti mul’isa.

Daaniyaan akka kitaaba tokkootti bara 6400, akka lakkoofsa Waaqeffannaatti, Oromiyaa, Finfinnee keessatti kan maxxansameedha. Kitaabni yeroo duraa kun boqonnaa sagalitti kan qoodameefi fuula 468  kan qabuudha. Kitaabni kun bara 6401 keessa illee yeroo lammataaf biyya Ameerikaa kaabaa keessattis karaa mana maxxansaa Oromiyaa maxxanfamee jira.

Daaniyaan akka kitaaba tokkootti, kitaaba beekumsaafi hayyummaa Waaqaa of keessaa qabu tokkootti waa’ee Waaqaafi Waaqeffannaa dabarsu malee, kitaaba waa’ee Waaqaa mara of-keessaa qabuu miti. Daaniyaan dungoo Dhugaa Waaqaa kan Waaqeffattooti  seera, safuu, laguu, seedaafi aadaa Waaqeffannaa keessaa dubbisanii waa’ee Waaqaa daran yaadtaniifi hubataniidha.

Daaniyaan kitaaba amantii Waaqeffannaa kan Waaqeffattooti uumama irraa waan Uumaa itti dubbifatuu danda’an agarsiisuu dha; akkatti iccitii Uumaa hiikanii beekan namatti mul’isa; waan Waaqeffannaan gaadi’amee tureef quba qabsiisa; maaliif akka gaadi’amee ture, yoo maal ta’e gaadii keessa akka bahu yaadaafi qalbii namaa keessa guuta. Waaqeffannaa kan ifa baasu ofta’ummaadha. Daaniyaan, kanafuu, of-ta’anii mul’achuudha; warra of-tuffatan keessaa yaada dadhabaa fi xuraahaa dhiqee yaada seexessaa fi jabeessaa itti guuta; Mo’aa taasisa; Daaniyaan waan ofiitti boonuu dha; waan ofiin mul’achuu dha.

Akka amantii Waaqeffannaatti, Daaniyaan jechuun Dhugaa Waaqaa barbaaduu jechuudha; namoota Waaqa Tokkichatti amananii jireenya walaabuu keessatti gammadanii jiraachuuf seeraafi qajeelfama Waaqaa barbaadanii ittiin jiraataniidha; akka Daaniyaatti Waaqeffannaan amantii itti gammadanii waan gaarummaa fi waan dhugaa kan ayyaana dhala namaatti tolu ittiin argataniidha; ibsaa ittiin kitaaba Waaqaa ,Uumama, dubbifataniidha; ibsaa golgaa aada-malee saaqee aadaa dhugaatti nama geessuudha.

  • Laduu

Laduun aangoo Waaqaa kan dhalli namaa akka Waaqeffannaa ittiin yayyabatuuf kennameedha. Laduun kunis Aangoo Waaqaa kan Qaalluun ittiin iccitii Waaqaa beekee dhala namaa ittiin gargaaruuf Waaqa irraa kennameefiidha.Qaalluun Laduu Waaqaa kana argates ergamaa Waaqaa kan seera Waaqaa dhala namaaf ibsu, kan dhala namaa qajeelchuuf kan namaafi Waaqa walqunnamsiisuu dha.

Akka Waaqeffannaan amanutti Waaqni dhala namaaf waadaa gale kan mirkanse Laduu dabarsee Qaalluuf kenneen. Laduu Qaallummaa kan argatanis ta’ee kan namaaf kennu Waaqa qofaadha. Namni Laduu Waaqaa kana fudhate, aangoo Qaallummaa waan qabuuf seera Waaqaa barsiisuuf nidirqama. Laduun aangoo Waaqni qabu keessaa kan Waaqni Qaalluuf kennee, Qaalluun immoo dhala namaa ittiin tajaajiluuf kan ittiin imaanaa fudhateedha.

  • Qaalluu

 Yayyaba Waaqeffannaa  keessaa kan dhibii Qaalluu ykn Qaallittiidha. Qaalluun ergamaa Waaqaa kan aangoo Waaqaan muudamee aangoo Qaallummaa Waaqa irraa argateedha. Qaalluun ayyaantuu dhiiraa kan dhalootaan Laduu: aangoo Waaqaan muudameedha. Qaallittiinimmoo, Waayyuu yookaan ergamtuu Waaqaa kan dhalootaan Laduu: aangoo Waaqaa, isa waan Waaqaa hiikee ibsu, goonfatteedha. Namooti akkanaa, kanneen uumamaan Fedhiifi Seera Waaqaa hiikuufi ibsuuf Waaqaan muudamanii dhalatan Ayyaantota ergamtoota Waaqaati.

Qaalluun beekumsaafi hayyummaa Waaqaa karaa dhalootaa qofaa argata; ittiin dhalata jechuudha. Kana jechuun Qaallummaan kennaa Laduu: aangoo Waaqaa kan dhalootaa dhalootatti diroo darbuudha; ayyaantummaan kun abbaa irraa ilmatti ykn haadha irraa intalatti darba. Kana jechuun Qaalluu ta’uuf dirqama warri ofii aangoo Qaallummaa kan qaban ta’uu mala; otuu abbaan ykn haati jiranii, garuu, ilma ykn intalatti hinbu’u; gaafa isaan addunyaa kanarraa addaan ba’an qofaa laduun isaanii maatii keessaa Wayyuu tokkotti bu’a. Wayyuu jechuun maatii ykn fira keessaa kan qulqulluu ta’anii Waaqaan muudamaniidha.

Akka Waaqeffannaatti, Qaalluun noolee Waaqaa kan dhala namaafi Waaqa ayyaanaan walqunnamsiisuudha. Qaalluun iccitii Umaa-uumamaa akka hiikuuf muudame. Namni rakkate gara Qaalluu dhaqee dhibee isaa hiikkata; hiikkatees daandii qajeelaa argat. Fala araaraafi nagaas falata. Qaalluunis akka riqichaatti Waaqaafi nama gidduu ta’ee Daandii Waaqaa, Waaqeffannaa, isa Dhugaa, Qajeelaa, Gaarummaa, Badhaadhinaafi Gammachuu barsiisa; tiksa; tiksees jiraachisa.

Qaallummaan, kanaaf, wiirtuu amantii Waaqeffannaati. Qaallummaan kennaa Laduu Waaqni Qaalluuf kenneen waan Waaqaa namatti ibsuu, namaaf hiikuufi namatti dubbachuu danda’a; kennaan aangoo Waaqaa kun akka inni iccitii dubbii Waaqaa dhala namaa hiikee mul’isu isa taasisa. Kanaaf, akka Waaqeffannaatti dubbii, lallabni, muudaafi eebbi Qaalluu nikabajama; ittiin qajeelfamanis.Kanaaf, immoo Qaalluun mataa amantii Waaqeffannaati.

  • Ayyaana

Yayyaba Waaqeffannaa keessaa kan biraa Ayyaana. Ayyaana jechuun marabbaa Waaqaa kan uumamaa hundaaf Waaqa irraa kennamuudha. Ayyaanni, marbbaan Waaqaa, kun kan  Waaqaa mil’uu Isaatiin uumamaa mara guuteefi guutu, kan Waaqni ittiin umama mara qajeelcheefi qajeelchuudha. Ayyaana jechuun, kanaaf, marabbaa jireenyaa kan waanti tokko akka dhalatu taasisu, erga dhalatee boodas waanti sun akka ittiin jiraatu qajeelchu, tiksuufi sirneessuudha. Kanaaf, ayyaana jechuun marabbaa mil’uu Waaqaan uumamaaf kennamee, ittiin jiraatamuufi ittiin bulamuudha.

Waaqeffannaan akka amanutti waantoti umaman cufti Ayyaana: marabbaa Waaqaa kan ittiin qajeelfamaniifi jiraatan wajjin dhalatan, kan mataasaanii, qaban; ayyaana kana dhalootaan argatan.Waaqeffannaa keessattis dhalli namaa Ayyaana: marabbaa jireenyaa Waaqa irraa kennameef kan argatu guyyaa dhalatu sana irraati. Waaqeffannaanis akka amanutti Waaqni uumamaa mara kan uume, guyyaa 27 keessatti ture. Ayyaanni kunis kan guyyaa 27 keessatti bu’eedha. Namuu Ayyaana isaa kan argatu, marabbaa Waaqni guyyaa saniif murteesse keessaa akka hiree isaatti fudhata. Marabbaan Waaqaa kunis Ayyaana guyyaan 27 qabu irraa dhalootaa dhalootatii diroo kan darbaa jiraatuudha.

Ayyaanoti digdamii torban ilaalaman kunneen waan ofii qaban. Wanni jirtu cufi ayyaanotuma kana keessatti galti. Wanni dhalatu ayyaanotuma digdamii torban kana keessatti dhalata. Wanni du’aas akkasuma. Gaddaa fi gammachuullee asuma keessa jirti. Kanaaf waanti tokko waanti ayyaana malee socho’amu hinjiraatu. Du’aa iyyuu awwaaluuf ayyaanuma ilaalan. Ayaana du’aa itti hinawwaalletu jira.

Akka amantii Waaqeffannaatti dhalli namaa nidu’a; ayyaanni isaa garuu hindu’u; hinbadu. Namni du’us ayyaanni nama du’e sanaa bifa biraan qe’ee dhaloota nama sanaa jiraata. Ayyaanni nama du’ee kunis Ekeraa jedhama. Ekeraa jechuun marabbaa Waaqni namaaf kennee, namni sun erga du’ee booda immoo egeree dhaloota ittaananii gaaromsuufi tiksuuf ardaa adii keessa jiraatuudha.

Akka Waaqeffannaatti, ayyaanni marabbaa jireenyaa uumamaa qajeelchiifi tiksuudha. Umamni cufti, namoonni, horiin, mukkeeniifi kkf ayyaana mataasaanii qaban. Waanti ayyaana malee umame tokkollee hinjiru. Kana jechuun waanti umame marti waan walqabate, garuu, addadda ta’e lama qaba: waan mul’atuufi waan hinmul’anne. Kan mul’atu qaama, ijaan argamuudha. Kan hinmul’annemmoo ayyaana ijaan hinargamne, garuu, ayyaanaan beekamuudha. Kana malees, Araddaan ayyaana qaba; tulluun ayyaana qaba; malkaan ayyaana qaba.

Waaqeffattootis Ayyaana kana ni safeeffatu. Tulluu bira yoo dabran itti irreeffatu; Malkaa yoo ce’anis itti irreeffatu; Ayyaana isaas waan safeeffataniif, kabajaan maganfatan. Ayyaanni humna Umaan uumama keessa kaa’es ittiin uumamasaa qunnamuudha. Ayyaanni kun riqicha Umaafi uumamaati. Kana malees, ayyaanni humna uumama tiksuufi qajeelchuudha. Namni Waaqa kan quunnamu ayyaanaan ta’a. Waaqnis uumama uume mara kan qunnamee gaaromsuu fi tiksu marabbaa itti kenneen  ta’a. Kanaafuu, Ayyaana jechuun marabbaa Waaqni  uumama ittiin qajeelchu; uumama ittiin  eeguu fi nageessuudha.

  • Ateetee

Yayyaba Waaqeffannaa keessaa kan biro Ateeteedha. Ateeteen ayyaana sanyiifi hormaataa kan dubartiin waggaa lamatti altokko birraa ykn arfaasaa keessa bulfattuudha. Ayyaanni Ateetee akka Waaqeffannaatti birraa keessa Fulbaana gara dhumaa, arfaasaa keessammoo Amajjii walakkeessa keessa facaafatama. Dubartiinis ayyaana kana kan facaafattu ayyaanni haadhashii, ishiifis tolee akka dhala ishiifis qajeeluuf uumamaan Waaqa kadhatti. Ateeteen bakka tokko tokkotti “Facaasaa” jedhama.

Akka Waaqeffannaan amanutti Ateeteen ayyaana warraafi qe’eeti. Dubartootis nageenya, gaarummaafi hormaataaf ayyaana isaaniifi Waaqa isaan uume kadhatan; Waaqni waan isaaniif godheef galateeffachuuf immoo  Ateetee bulfatan. Ateeteen ganama subii kaasee hanga waareetti Diinqa mana jireenyaa keessatti facaafatama.

  • Siiqqee

Yayyaba Waaqeffannaa keessaa kan Seemaa yookiin seera Waaqaa waliin walitti hidhate, Seeqqeedha. Siinqeen akka  Waaqeffannaatti seera garaa garaa kan mirga dubartii kabachiisisuuf Waaqni Waaqeffattootaaf kenneedha. Siinqeen gama tokkoon mallatoo seera dubartiiti. Gama biraan, siinqeen ulee qal’uu dubartiin gaafa heerumtee kaaftee haga gaafa duutuutti qabattuudha. Kanaaf, akka Waaqeffannaatti Siinqeen meeshaa murtii fakkeenna seera Waaqaa kan dhimma dubartii waliin walqabate mul’isuudha.

Namooti Siinqeen ulee qal’oo dubartiin qabattu callaa se’an jiraachuu malu. Garuu, akka Waaqeffannaatti Siinqeen ulee qaldhoo dheertuu callaa miti. Ulee qaldhoo dheertuu, siimoftuudh; Siimoftummaafis siinqee hinta’u; qajeeltuufi dirraan wal-qixxooftuu tan  ijoo hinqabne ta’uu qabdi. Siinqee ulee kabajamtuu kan  muka Harooressaa irraa tolchanii akka mallattoo seera Waaqaa kan ittiin  mirgiifi namummaan  dubartii eegamuudha.

Waaqeffannaan siinqeen wayyooma jabaa qabdi. Wayyoma kanaaf, Siinqeen kabajaa, saalfiifi sodaa guddaa qabdi. Akka ulee biroo Siinqee horiin hintiffatan; sareen hindarbatan; fardaan hindhayatan; harreen hin’ooffatan, akkasumas duddaaf hin dhadhaabatan. Siinqee seeraaf qabatan; Kana malees, Siinqee woyyuufi woyyoomaaf qabatan.

Waaqeffattooti yeroo m ara illee siinqee hinqabatan. Akka seemaan ibsutti siinqee kan qabtan yeroo gamteen, muddamsuun, daddarbaan, cunqursaan, walumaa galatti rakkoon jiraatteedha.  Yoo rakkoon hinjiraatiin dubartiin Siinqee ol-kaayatti malee hinqabattu.

Siinqee dubartii malee dhiirti hinqabatu. Dubartiin cuftis hinqabattu; kan qabattu yoo beera taate qofa. Siinqeen yeroo nagaa harka mirgaatti qabatama; mormiif yoo ta’e garuu harka bitaatti qabatama. Dubartiin Siinqee qabatuu ka jalqabdu gaafa heerumtu irraa kaafteeti. Gaafa intalti-heerumtu san haati intalaa Siinqee tolchitee, yoo baarree ka fuudhuu kennitu, boraatiifi madaalaa wojjiin, ”Hoo baarree, hoo barsee,” jettee itti kenniti. Intalli heerumtu gaafa kanarraa jalqabdee haadha Siinqee taati.

  • Qanafaa

Qanafaan mi’a aadaa Oromoo Arsii ka deettuun ulfinaaf, woyyoomaafi bareedummaaf kallacha irratti hidhattuudha.Qanafaan abba manaatiin mukaa, dhiyeefi faaya adda addaa irraa tolfama. Dubartiin qanafaa soddaatiin (haadha abbaa manaa ofi) fayadamuu dandeetti.Deettuun takka qanafaa yennaa hidhattu gaafa guyyaa nafa isii dhiqattu. Guyyaan isiin nafa dhiqattu ammoo ayyaan-lakkoftuudhaan itti himama, yookaan ammoo deettee gaafa guyyaa afurii ykn shanii ta’uu danda’a. Nafa dhiqaan seera mataa isaa qaba. Dubartiin qanafaa hidhatte hinarrabsamtu, hindhaanamtu, gama hundaanuu mirgi isii kabajamaadha.

Namni tokko yoo akka tasaa dhaane garuu adabatu itti murama-irraa qalatan. Dubartiin hundi siinqee qabattee gara mana namichaa isii dhaanee dhaxxee itti elelfataa ateetofti. Yookana dhirti marti baatee dhiifama kadhatti. Kun isaan hinquubsu taanaan ammoo jaarsolii (manguddoota) waamanii dubbiin dhuma. Dubartiin birmannaa kana keessaa haftellee ni’adabamti. Namichi deettuu sun qanafaallee yoo cabse adaba dachaa adabama.

  • Gadaa

Yayyaba Waaqeffannaa keessaa kan biraa Seera Waaqaan sirna biyya ittiin bulchan tolchanii ittiin qajeelfamaniidha. Waaqeffannaan akka amanutti warri Waaqatti bulu, akkuma maatiifi warra isaanii seera waaqaan bulfatan, biyyaafi saba isaanii illee sirna seera Waaqaan yayyabameen qajeelfatan. Sirni Waaqeffattooti akka seera Waaqaatti tolfatanii ittiin biyyaafi saba isaanii bulchaa, tiksaafi qajeelchaa jiranis, Gadaadha.

Waaqeffannaan akka amanutti Gadaan sirna bulmaata biyyaafi Sabaa kan akka seera Waaqaatti yayyabamee ittiin qajeelfamaafi tikfamaa diroo darbaa dhufeedha. Waaqeffannaan kan sirnaan hubatamuu malus akkaataa jaarmaafi caaseffama sirna Gadaa xiinxaluufi beekuun ta’a. Waaqeffannaan akka amanutti fulaan dhugaan Waaqaa itti tifkamaa jiran keessaa tokko Gadaadha. Gadaan otuu hinbeekamne Waaqeffannaan guutummaatti beekamuu hindanda’u. Gadaan duuba kan jiru Waaqeffannaadha.

Gadaan dhimma jiruufi jireenya Waaqeffattottaa fuula hundaan kan ilaalu sirna siyaasaa, aadaa dinagdee, hawaasummaafi amantiiti. Sirna Gadaa kun bara Waaqeffattooti akka seera Waaqaattii ittiin qajeelfamaa turan sirna badhaahinaafi gaarummaan guutame, kan jiruufi jireenya hawaasummaa guutuun yayyabame ture. Sirni Gadaa sirnaafi seera Waaqeffattoonni ittiin walbulchan, diina mirgaafi haqa Waaqeffattootaa sarbaa ture ittiin  duulanii ofirraa ittisuun seera Waaqaafi Dhugaa Waaqani isaaniif kenne kabachiisaniifi iksan, kan dinagdee isaanii ittiin tikfataniifi dagaagfatan, akkaata ittiin waliin jiraataniifi fedhiifi hawwii namummaa isaanii ittiin guutamuudha.

Waaqeffannaan akka amanutti sirna Gadaa seera Waaqaa irratti hundaa’ee kan yayyabame, qajeelfama seera Waaqaan kan hidhameedha. Kanaaf, Gadaa keessatti waanni hundi Gadaan: Seera Waaqni saba Oromoo kanneen Waaqa tokkichatti amananiif buuseen walitti hidhata. Gadaan kan guutuu ta’u, lakkooysa yeroo, aadaa, amantii, jireenya hawaasaa, ittisa biyyaa, duula Buttaa,fi kkf hunda waan of keessaa qabuufi isaan kunneen immoo akka seera Waaqaa, isa eenyuyyuu cabsuufi dabsuu hindandeenyeen sirneeffamuu isaatiin ta’a.

Akka Waaqeffannaatti Gadaan mootummaa Ummataa kan ummataan filamee, ummataaf hojjatuudha. Gadaan bulchiinsa ummataa isa olaanaati. Gadaan sirna bulchiinsa ummata Oromoo kan siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa, amantiifi aadaan ittiin qajeelfamaa ture, daawitii jiruufi jireenya Waaqeffattootaa isa olaantummaa seera Waaqaan ititeedha. Akkanaanis, Gadaan sirna waggaa saddeet saddeetiin taa’itaa siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa, amantii, loltummaafi jireenya waliin waliif dabarsuudha. Akka waliigalaatti, Gadaan of-ilaallee jiruufi jireenya ummata Waaqeffattootaa kan durii, kan har’aafi kan egeree ofitti hammatee kan jiru sirna Heeraafi Seeraan utubameedha. Akka kanaan Gadaan sirna seera uumamaafi seera namaa walitti qindeessee ittiin namaafi uumama bulchuudha. Kanaaf, Gadaan sirna bulchiinsa jiruufi jireenya ummata Waaqeffattoota ganamaati.

  • Galma

Yayyaba Waaqeffannaan ittiin jaarame keessaa kan dhibii Galma Waaqeffannaati. Galmi Waaqeffannaa ardaa kadhannaafi galateeffannaa Waaqeffannaati. Ardaan kadhannaafi galateeffannaa Waaqeffannaa kun, bakka seerri Waaqaa itti himamu, bakka ulfaataa muudaafi hammachiisaan itti kennamu, ardaa Dhugaa Waaqaa itti walbarsiisaniidha.

Akka amantii Waaqeffannaatti  Galma jechuun mana Waaqeffattooti gaafa Torbii, gaafa Hammachiisaa, gaafa muudaafi gaafa jileeffannaa keessatti walgahanii Waaqaa isaanii kadhataniif Waaqa isaan uume itti galateeffataniidha. Galma jechuun bakka itti beekumsaafi hayyummaa Waaqaa baratan, seera Waaqaa wajjindaran walitti dhiyaatan, bakka ulfooti.

Waaqeffattooti kan Waaqa waaqeffachuu jalqaban GALMA Qaalluu, ajajaafi qajeelcha Waaqaan ijaarame keessatti ture. Qaalluun ladooma duraan mul’ates akka barsiisetti Waaqni Galma Waaqeffannaa keessatti irra caala namatti dhiyaata. Galmi kunis Galma qulqulla’aa kan Waaqeffattooti Waaqa tokkicha itti kadhatan, aarsaa isaanii itti galfatan, kabaja Waaqaaf kan itti irreeffataniidha. Dhugaan kun immoo kan Waaqni yeroo duraaf Qaalluutti mul’ise Odaa Mormor irratti ture. Waaqeffattoonnis Galma kana keessatti dhiyaatanii beekumsaafi hayyummaa Waaqaa karaa Qaalluu himamu, hiikamuufi lallabamu baratu; Galma keessatti walgahanii waa’ee Seera Waaqaafi Dhugaa Waaqaa baratu.

Yeroo sana irraa eegalee manni Waaqeffattooti keessatti walgahnii  waaqeffatan kunis GALMA WAAQEFFANNAA jedhame. Mallattoo Waaqeffannaa kan ta’an Caaccuufi Kallachis Galma kana keessa kaahame; ulfoon Waaqeffannaas akka Galma Waaqeffannaa kana keessa kaahamu godhame. Kanaaf, yeroo tokk tokko manni itti Waaqeffatan kun MANA WAAQAA jedhama. Warri kaan immoo Galma Muudaa jedhanii waamu.

Galmi Waaqeffannaa yeroo duraaf Odaa Mormor cinatti ijaarame, dhiibbaa alagaan dhiibamee gara Tulluu Cuqqaalaatti darbe. Yeroo kana teessumni Gadaa immoo Odaa Nabee ta’e.Galmi Waaqeffannaa sadaffaan immoo kan ijaarame, Madda Walaabuu, kan amma Galma Abbaa Muudaa ta’ee jiru biratti ture. Galmi Waaqeffannaa kunis mana kadhannaafi galateeffannaa, kan Waaqeffattooti keessatti walgahanii Waaqa itti kadhatan, Seera Waaqaa itti bratan, muudaafi eebba Qaalluu itti fudhatan, hammachiisaafi magnfannaa itti raawwataniidha. Galmi Waaqeffannaas, akka Amantii Waaqeffannaatti, iddoo itti lallaba Waaqeffannaa dhaggeeffatan, iddoo itti seera Waaqaa barataniifi barsiisan, iddoo itti jaatanii Waaqeffannaa hojjataniifi dhimma Waaqaa itti midhaansaniidha.

  • SAFUU

Waaqeffannaan akka yayyabetti, Safuun utubaa qajeelfamaafi sirneeffama uumamaati. Safuun seera Waaqaan umamee, jiruufi jireenya dhala namaafi uumamaa to’atu, eeguufi qajeelchuudha. Seera dhala namaan tumamu nisirreessan; nifooyyessan; garuu, Safuu akka jirutti eeganii dhimma itti ba’an. Safuurraa waanti maqe, ykn dabe ykn jal’ate yoo jiraate, sirneeffamaafi naqatoo uumamaa jeeqa; sunimmoo badiifi dhibdee dhala; cubbuudha. Adabbiin cubbuu kanaas ulfaataadha; Waaqa araarfatanii waan Safuurraa maqe iddootti deebisan malee adabbii cubbuu Safuu eeguu dhabuun dhufu jalaa bahuun hindanda’amu.

Safuun seera uumamaa, kan ganamaafi kan fulla’aati. Safuu kana eeguu jechuun akka Fedhiifi Seera Waaqaatti buluudha; waan Waaqni uume mara jaalachuudha; akka Waaqni uumeefi sirneessetti kabajanii buluudha; Sirneeffamniifi naqatoon Waaqaa kun otuu hinjeeqamiin akka sirneeffamaniifi naqamanitti akka fulla’an eeguudha; waanti dabe yoo jiraates dafanii qajeelchuudha.

Akka amantii Waaqeffannaatti Safuu beekanii, isaan qajeelfamanii, isaan buluun hayyummaadha. Waaqeffannaan seera Umaa-uumamaa beekanii isaan qajeelfamuu dha. Seerri Umaa-uumamaammoo Safuu dha. Safuun waan gaarummaa, waan badhaadhinaafi waan dhugaa of-keessaa qaba; mirgaafi dirqama of-keessaa qaba. Kanaaf, Waaqeffannaa keessatti Safuu beekanii ittiin qajeelfamuun wiirtuufi utubaa amantichaati.

Waaqeffannaan akka amanutti Safuun kan Waaqaati. Safuun kan dhala namaafi uumamaaf kenname jalqabaa kaaseeti. Safuun seera Waaqaa keessatti, yeroo jalqabaaf dhala namaafi uumamaaf Waaqarraa kenname. Waaqni uumama yeroo uume, Safuus wajjin uume. Akka kanaan waanti cufti irraa jalaan akka Uumaan sirneesseefi qixeessetti naqame. Dhalli namaas Safuu jalqabaa kanaan buluu eegale; ittiin buluun duubattis fakkeeffannaa Safuu kanaan seera tumatee walis ta’ee, uumama qajeelchuu eegale. Seerri Yayyabaas kanuma dhugeessa.

“Waaqni seera namaaf kenne; namnimmoo akka Fedhiifi Seera Umaa kanatti uumamaaf naannoosaa bulchuu qaba.”

  • LAGUU

Yayyaba Waaqeffannaa jaaran keessaa kan biraa laguudha. Laguun waan hedduu of keessaa qaba. Akka seera Waaqeffannaatti laguun akka sadiitti ilaalama. Tokkoffaa, laguun waan nyaatanis ta’ee waan dhugan kan Ayyaana ofii waliin hintaane beekanii nyaachuufi dhuguu dhiisuudha.Laguun kun yoo cabe hariiroon namaafi Waaqa gidduu jiru nicaba. Kanaaf, namuu waan ayyaan isaa waliin walhintaane irraa of eega; nilagatas.

Gama biraan, laguun namni waan seera Waaqaan dhorkame beekee irraa of dhoowwuu kan ilaallatuudha. Waaqeffannaan waan Waaqni fedhe hojjachuufi waan Waaqni dhorke irraa immoo goruudha. Laguun, egaa, waan Waaqni hayyame dalaganii, waan Waaqni dhorke immoo dalaguu lagachuudha. Namni waan Waaqni dhorke irraa goree, waan Waaqni fedhutti gore Gaarummaa Waaqni dhala namaaf kenne mara ni’argata.

Akka amantii Waaqeffannaatti, Laguu kan biraa ulfina Uumaa fi uumamaaf kennuu jechuu dha. Waan tokko irraa ofi qusatanii halaalattii kabajumaan jiraachuu danda’uudha. Waaqeffattooti martuu gamtaan waa hundaa hinlagatan. Bakka uummata Waaqeffattootaa bu’ee, laguu biyyaa kan seera Waaqaatiin eegan, Qaalluu ykn Qaallittii Laduu: aangoo Waaqaa fudhataniidha. Amantii Waaqeffannaa keessattii laguun yoo eegame, nagaan  boora’e tokko  akka deebi’ee qulqullaawuuf gargaara; kun immoo Safuun akka hinjigne utuba. Kanaafuu, Laguun amantii Waaqeffannaa keessatti yayyaba seera Waaqaa kan nagummaa Waaqeffattootaa eeguufi tiksuudha.

3      Kaawoo Waaqeffannaa

Waaqeffannaa keessatti waanti guddaa Kaawoo Waaqeffannaa beekuun, ittiin jiruufi jireenya matayyaafi gamtaa qajeelfachuu danda’uudha. Waaqeffattooti dhugaas Kaawoo Waaqeffannaa tolchanii erga hubatanii booddee ittiin jiruufi jireenya matayyaas ta’ee gamtaa gaaromsan. Kaawoo Waaqeffannaa  keessaa Kanneen jajjaboo Waaqeffattooti dhugaan kudhaamachuu qaban akka armaan gadiiti. Waaqeffattooti Dhugaa:

  • Waaqa Tokkichatti amanan.
  • Beekumsa Waaqaafi Humna Isaa qofaatti amanan.
  • Umamni Waaqaa cufti hiika-qabeessa ta’uu amanan.
  • Dhalli namaa umamoota kaan caalaa gulantaa olaanaa kan qabu ta’uu amanan.
  • Namni kamuu Waaqeffataa (Waaqeffattuu) ta’uun dhalachuu amanan.
  • Namni kamuu qulqulluu ta’ee dhalachuu amanan.
  • Namni kamuu dibaabee Waaqaa jalatti nageenyaafi fayyina isaaf hojjachuu akka qabu ni’amanan.
  • Waaqni Daandii Dhugaa namatti otuu hinmul’isiin, akka nama hinadabne ni’amanan.
  • Waaqni waantota uume mara keessaa kanneen caalan gaarummaa ta’uu ni’amanan.
  • Waaqa usanii amanuu qofaan dhiisuu otuu hinta’iin beekumsa Waaqeffannaa qorannaan gabbifachuu akka qaban amanan.
  1.   Yayyaba Gumii Waaqeffannaa Addunyaa

Hundeen yayyaba Gumii Waaqeffattoota Addunyaa kun gaarummaa Waaqaa walaabuu keessatti dagaagsuu irraa madda. Dhalli namaa gaarummaan kan jiraatu yoo seera Waaqaa kabajee ittiin buleedha; dhugaafi fedhii Waaqaan yoo tifkameedha. Waaqeffannaan immoo gumbii dhugaa Waaqaa keessaa waraabbataniidha. Kanneen, dhugaa Waaqaa kana argatan immoo kanneen Waaqeffannaa beekanii ittiin qajeelfamaniidha.

Haata’uutii, Waaqeffannaan gaadii keessaa bahee guddatuufi dagaaguu hindandeenye. Kanaaf, sababoota hundee ta’an keessaa kan duraa,Waaqeffannaan amantii Oromoo ganamaa ture, garuu, humna alagaan waan gaadi’amee jiruuf. Gama biraan, Waaqeffannaa gaadii keessaa baasuuf tattaaffiin godhamaa ture, daraaraa abdachiisaa agarsiisaa jira. Daraaraa Waaqeffannaa abdachiisaa kana daran guddisuun, jiruufi jireenya dhala namaa gaaromsuu keessatti bu’aa olaanaa  argamsiisuu akka danda’u immoo amanamaadha.

Waaqeffannaa gaadiitti deebisuuf shirri olaanaa dalagamaa jiraatus, Waaqeffattoonni amanatii  isaaniif quuqaman ammallee Waaqeffannaa deebisanii guddisanii  babal’isuuf tattaafachaa jiran.  Tattaaffii karaa addaddaa finiinaa jiru kana babal’isuuf, waaltessuufi utubuuf immoo gumii tokko yayyabuun barbaachisaa ta’ee argame. Kanaaf, Waaqeffannaa walaabuu keessatti babal’isuufi dagaagsuuf GWA sadarkaa Addunyaatti yayyabuun barbaachisaa ta’ee jira.Waaqeffattooti Amantii isaanii kana guddisuufi dagaagsuuf fedhii qabanis akkanaan Gumii Waaqeffattoota Addunyaa hundeessanii jiru.

  1. Mul’annoo GWA

Mul’annoon Gumii Waaqeffattoota Addunyaa amantiin Waaqeffannaa gaadii keessaa bahee, dagaagee, babal’atu arguudha. Waaqeffannaa gaadii keessaa baasee dagaagsuufi babal’isuufis Gumiin Waaqeffattoota Addunyaa waan danda’u hundaan nihojjata.

  1. Kaayyoo GWA

Waaqeffannaa gaadii keessaa baasanii guddissuu fi dagaagsuuf Gumiin Waaqeffattoota Addunyaa kaayyoo  jajjaboo fi ulfaatoo  armaan gadiitiin masakama.

  1. Waaqeffattoota bakkaafi biyya adda addaa jiran qindeessee ijaaruun  Waaqeffannaan  addunyaa irratti wiirtuu tokko akka qabaatu gochuu,
  2. Beekumsa, humnaafi muuxannoo miseensonniifi hordoftonni amantiiWaaqeffannaa qaban  qindeessuun duudhaafi Safuu amantichaa akkasumas waantota Waaqeffannaan wal-qabatan  niqorata, walitti qaba; barreeffamaan, Sagaleefi Filmiin akka uummata gahaniifi dhaloota dhufuuf raacinni qulqulluun taa’an taasisuu,
  3. Waaqeffannaa irratti namoota beekumsa qaban (manguddootaafi hayyootaan)  karaa adda addaa akka barumsa kennan  qindeessuu,
  4. Jiloota/Ayyaanota Waaqeffannaa, maqaa isaanii, akkaataa dhufeenya isaanii, hiika isaanii waliin qoratee/qorachiisee akka waalta’u niqindeessuu,
  5. Ulfooleen Waaqeffannaa maal maal akka ta’aniifi sadarkaa amma irra jiran  qoratee ulfinniifi kunuunsi taasifamuufii qabu akka taasimamuuf, bakka Ulfoof malu akka taa’an keessumaa warreen biyya keessaa waliin qindeessuu,
  6. Sirna Gadaa Oromoo, Seenaa, Aadaa, Duudhaa, Safuu, fi Afaan Oromoo irratti Manguddoota beekumsa qabaniifi Hayyoota qindeessee akka barsiisan; barreeffamaan, sagaleenfi Filmiin akka Uummata gahan godha. Dhaloota  dhufuufis raacinni qulqulluu akka darbuuf ol kaahuu,
  7. Tokkummaa saba Oromoo irratti miseensonni Gumichaa akka fakkeenya gaarii ta’aniifi waan isaan irraa eegamu akka bahan kakaasuu, barsiisuufi, jajjabeessuu,
  8. Hawaasummaan Uummata Oromoo akka guddatuufii dagaagu miseensonni Gumichaa fakkeenya gaarii akka ta’an barsiisuu, jajjabeessuu,kakaasuu, qindeessuufi,   ijaaruu,
  9. Waaqeffannaan sadarkaa Addunyaatti beeksisuufi,
  10. Daandii Waaqeffannaa isa dhugaafi qajeelaan Waaqeffattoota bulaniif  babal’isuufi warreen kaka’umsa qaban nijajjabeessa, humna Gumichaa irratti  hundaa’ee gargaarsa barbaachisaa tae nigodhaaf, haala itti gargaaramuu danda’an keessumaa warra biyya keessaaf mala dhaha/soqaaf.
  1. Goolaba

Amantiin Waaqeffannaa akka amantiilee dhibii maqaa Qaalluu ykn maqaa gosaa ykn maqaa sabaan hinmoggaafamne. Maddi amantii kanaa Uumaa tokkicha, isa Oromoon Waaqa jedhee beekuudha.Amantiin Waaqeffannaa kan maqaa Qaalluu tokkoon moggaafamee miti; kan maqaa gosa tokkoon waamame illee miti. Waaqeffannaan kan waamame maqaa Waaqa irraa argameen. Waaqeffannaa jechuun Waaqa tokkicha, kan maqaan isaa dhibbaa, kan afaan isaa dhibbaa, jiruufi jireenya ofiitti aanfachuudha; dhugaa Waaqaa dhagahuufi ittiin buluudha;dubbii Waaqaa dhagahuufi ittiin jiraachuudha; seeraafi  dhugaa Waaqaatti harka kennachuu jechuudha;seeraafi fedhii Waaqaa dhagahuufi ittiin jiraachuu jechuudha.

Waaqeffannaan amantii ittiin Waaqa tokkicha dhugeeffataniidha.Akka amantii kanaatti maddi uumama maraa Waaqa tokkicha; kanaaf dhalli namaa cufti Waaqa tokkicha malee waan biraa dhugeeffatuu hinqabu.Waaqeffannaanis amantii dhala namaa kan warra Waaqa tokkicha jiruufi jireenya isaaniitti aanfataniiti.Namni waan Waaqni jedhu dhagahu; ittiin bulu; ittin qajeelfamuufi ittiin jiraatu, kan darbes ta’ee kan ammaa akkasuma illee kan egeree ta’us dhiira yoo ta’e Waaqeffataadha; dubartii yoo taate immoo Waaqeffattuudha.

Dhugaa kana irraa kaanee yoo hiikkaa ykn maalummaa Waaqeffannaa baruu feene,waan tokko beekuu qabna. Maqaan kun afaan kamiin akka Waaqeffannaa jedhame beekuun illee barbaachisaadha. Waaqeffannaan jechoota Afaan Oromoo[1] lama irraa lachiifame: Waaqaa fi Aanfannaa.

Ω Waaqa jechuun Uumaa waa hundaa, kan walaabuu mara irratti aangoo olaanaafi isa dhumaa qabuudha.

Ω Aanfannaan immoo waan tokko gara jireenya ofiitti qabuu, isaaf dursa kennuufi isa mararfachuudha.

Akka kanaan Waaqa aanfannaa jechooti jedhaman walitti dabalamanii jecha tokko kan waldhuguun ykn walitti dhommoquun Waaqeffannaa ta’e. Waaqeffannaanis  amantii dhugeeffannaa kan jiruufi jireenya keessatti Waaqaaaf dursa kennuu ykn kan waan Waaqni ajajee hunda dalaganii, waan Waaqni dhorke mara irraa immoo lagatan ta’uu isaa akkanaan mul’isaa dhufee bakka itti gaadi’ame keessaa bahuufi dagaguuf carraa akka argataa jiru hubanna. Waaqeffannaa keessatti waan Waaqni fedhe dalaguufi waan Waaqni dhorke immoo lagatuun mormii tokko malee kan fudhatamuudha; waan Waaqaa dura dhaabbachuun hinmalu.

Waaqeffannaan akka dhugeeffannaa Waaqeffattootaatti, seera Waaqaa dhagahuu, ajaja Waaqaan qajeelfamuu, beekumsaafi hayyummaa Waaqaan  jiraachuufi dubbii Waaqaa jireenya ofiitti aanfatanii ittiin gaaromaniidha. Waaqeffannaa keessatti fedhiifi seera Waaqaa diduun hinta’u. Waaqeffannaa keessatti waan Waaqni fedhe dalaganii, waan Waaqni dhorke immoo lagatanii jiraatan malee seeraafi fedhii Waaqaa diduun hinjiru. Kanaaf, Waaqeffannaa jechuun Waaqatti buluu, Waaqa beekuu, Waaqa dhugeessuu, Waaqa dhugeeffachuu, Waaqa dhiyeeffachuu, Waaqa kadhachuu, laguu qabaachuu, seedaa qabaachuu fi seeraa fi fedhii Waaqaa kabajuudha.

==================================//================================[2]